Wallagga Keessatti Qeerroon Diddaaf Bahan Milsihoota Wayyaanee Reebanii Arihan

Gabaasa Qeerroo Ona Horroo Limmuu, Amajjii 21,2012

Amajjii 20,2012 Godinaa wallaaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuutti dargaggeessii bakkaa aayyaanaa Cuuphaatti dargaggeessi “hidhanoo jabeessina mallaasaa balleessina”fi ” kormaa guduruu ABO’n Leencuma duruu”jechuun sirboota qabsoof nama onnaachiisan sirbuun gara magaalaa harootti deebi’anii sagalee mormii ‘wayyaaneeen nu hin bulchiitu’ jedhu dhageesisaan kanan wal qabatee hidhatootni milishaa naannoo sana jirtuu ergama diinummaa ishee Bahuuf qeerroo bilisummaaf falmatu irraatti dhukaasaa banani, qeerroonis waljabeessee jala dhaabbaachuun hidhatoota milishaa kana shiimalaan oliif gadi Arii’anii tuman,ummaanni nannoo sochii qeerroo kanatti baayee gamadan. Haalumaa walfakkaatuun Onaa Diggaa Saasiggaa, Heebentuu,Giddaa Ayyaanaa,Maagaalaa Shaambuu,Hammuruu fi Jaardagaa Jaarteetti Qeerroowwaan sirboota qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO faarsuun Ayyaanichaa kabajatan.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni kufa!

4 thoughts on “Wallagga Keessatti Qeerroon Diddaaf Bahan Milsihoota Wayyaanee Reebanii Arihan

  1. qeerroon baha wallaggaa keessuma ona haroo limmuutti diina irratti qabsoo walfalmii wayanee jidduutti gochaa jiru maal agarsiisa yoo jenne seena gootota oromoo durii ka kabajama seenaa qabeesa kan taán keessaa DHUGUMAA JALDEESSO nama yaadachiisa.naannoo biroos kan akka eebanttu biyya saboonaan oromoo guutuu jirutti fakkeenyaf yeroo wayaneen wallagga gala
    kabajaama obbo GALATAA KASASA humna wayanee hin barbaadu anoo ufiin uf dandeenya jechuun yeroo mootummaan wayanee ummata eebantuu biratti jaarsi oromoo kun kabajaaf fudhatama qabaniif bulchh turaniin wayaneef badaa hin jilbeeffanne garuu ergasii kan bulchaa taée filatame BADHAASAA kan jedhamu bitamtuu wayanee ummata oromoo eebanttu akka jilbeefatu tattaaafate garuu dhumni BADHAASAs hin bareedne salaphate .
    horros biyya abiichee garbaa,araarsaaabbaa biyyaa (bayana obsii)
    kanaaf ibdi qabsoo bilisummaa oromoo ni qabanaá jechuun abjuu hin taane abjachuu akka taé mootumaan wayanee beekuu qaba
    nagaatti
    GOOLEE

  2. Yaa Qeerroo,
    Qabssoonkee , Waldhaanssoon kees kan ati gootu kun diinakee yadesuun issaa beekameraa. Janumaankees kan ati abaakee irraa dhaaltes aka gaariit bayisee hubatamaa jira. Dirqama seennaa saba Oromo si irati dhiifame kana aka gaariit calaqisiiftee bareesu iti akagirtu dhuggaa siif bannaa.

    Kannaafi Jabaadhu boruun biiftu birmadumaa keetii suuta jedhee ol’bauu iti jiraa. Mirgi keeti, biyi keeti , lagi keeti, bakeen keeti, fardis keeti

    Mirgaan gali Bakee lolaati

    Ergaa keeyn

  3. yaa oromoo jabaadhu!!seenaa,aadaa,afaan,daangaa,fi biyya ofii kee “oromiyaa lalistuu”qabda!!”QABSAA’AAN DU’U ILLEE QABSOON HIN DU’U!!!hin dagatin adaraa!!!!!!Oromiyaaf waaqni guyyaa ofiisaa waan qabuuf, yaa lammii ko “Tokkummaadhaan,Jaalalaan, Obsaan ,Abdiidhaan ,Amantiidhaan “guyyicha haa eegnu!!!!!

Leave a comment