(Qeerroo, Adaamaa, 21 Amajjii 2012) Maddi Qabsoo hacuuccaadha. Namni ykn Ummati miidhaan irra jiru yoo xiqqaate dallansuun , miidhamu isaa ibsata. Namni waa aarees, dallansuun of ibsata. Namni odoo hidhamuu, hiraarfamuu , ajjeefamuu , beela’uu ….kan kolfu jira yoo jenne, warra hacuuccaa fi tajaajiltummaa qaama taasifate , Ykn warra salphina keessa gangalachuu baree ,maal naan jedhuu of keessaa fixate qofaadha.
Har’a ummata Oromoo caalaa hacuucamaa kan jiru jira jecuun rakkisaadha. Osoo ta’ee miidhaa waggaa 150 ol nu irra ture kanaan, dallannee , dallansuu kanas ofirraa faccisuutti geeddarree , miidhaa nu irra jiru ofirraa darbannee , abbaa biyyaa ta’uutu nuuf mala ture. Kun nuuf qaaniidha.nama qaanii ta’uu keenya kanatti dammaqinee har’as yoo hin foyya’iin rakkoo daran hammaataaf teenya.
Kana dubbiin!
Goota gaaran ni aara! ni boba’a! Gadheedha kan garaan hin aarre! Kan nyaattee gabbattu, osoo lammiin ajjeeffamuu, hidhamuu, waxalamuu, qaamaa waadamuu, osoo qabuu beela’uu, dhukkubaan harca’uu, qe’een isaa diinaan gubatuu, golgolaa’uu, lafti isaa dabarfamee akka abbaa hin qabnee gurguramuu. Kan kana caalaa nama aarsu jiraa? Kan kana nutti fide gabrummaadha. Kana bakka tokkotti ni gaha jennee ofirraa dhaabuu qabna. Qaanii kana!