Diddaan Dargaggoota Oromoo itti fufee barattooti 12 Hidhaman

Gabaasa Qeerroo Ona Giddaa, Amajjii 20,2012

Wallagga,Ona Giiddaa Ayyaanaa keessa diddaan barattootaa erga eegalee bubbulee jira,haala kanaan barsiisotaa fi barattoota hidhamaa turan gabaasa keenya yeroo darbee keessatti keenyee jirra.Haalli kun amma illee itti jabaachaa deemuu irraan kan ka’e fincila diddaa gabrummaa qindeessitaniittu, kaayyoo ABO ummata barsiiftanii barattootas kakkaaftaniittu sababaa jedhuun ajala mootummaa Wayyaaneen  Mana bartumsaa Giddaa Ayyaanaa sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa kutaa 12ffaa kanneen baratan barattonnii 12 barnoota isaanii irraa waggaa 2f Arii’ataman(dhorkaman)Kanneen kunis:-

1.Barataa Biqilaa Nagaasaa,

2. Haptamuu Warqinaa,

3.Taamiruu Asafaa,

4.barataa Oromoo Waqjiraa,

5.Nuwayyaa Nagarii,

6.Dastaa Qanaa’aa,

7.Waggaarii Balaayi,

8.Firoomsaa Qanaatee,

9.Xilaahuun Kabbadee,

10.Waasihuun Dhaabaa,

11.Hindaaloo Bongaasee fi

12. barataa kutaa 11ffaa tokko kan maqaan yeroof nu hin geenyee  dha.

Haalleen akkasii bakkoota quunamtiin telefoonaa fi interneeta hin jirra manneen barnootaa fi magaalota hedduu keessatti tahaa jiraachuu Qeerroon Giddaa irraa gabaasa.

Kana malee gama biraan Godina wallaaggaa Bahaa Horroo Guduruu wallaaggaatti Onaa Guduruu fi Onaa Abaaboo Guduruutti uummaannii walga’ii OPDO’n qopheessitu irraa hirmaachuu waan didee fi warraa miseensa OpDO hin taanee qarshii 300 hanga qarshii 700 adabama jirachuun gabaafame.

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment