Barruu fi asxaaleen Qeerroo Bilisummaa magaalota Oromiyaa adda aaddaa keessatti maxxanfaman.

Amajjii 20,2012 Finfinnee

Oromiyaa magaalota gurguddoo fi  Universtiy adda addaa akkasumas wajiraalee gurguddaa kan Wayyaanee cinaatti barruuleen qeerroo fi dhadannoon diddaa gabrummaa kan qabu maxxanfaman.

Amajjii 17,2012 irraa eegalee hanga guyyaa har’aa dhaatti diddaa Qeerroo Oromoo kan ibsuu fi aasxaa Qeerroo “ Ka’I Qeerroo “ jedhu bakkoota adda addaatti maxxanfamanii jiru. Finfinnee dabalatee magaalotii maxxanfaman keessaa garii suuraaleen nu gahee jira.

 

 

 

 

Dhadhannoon qeerroo heddumminaan bakka maratti faca’aa jiru keessaa hangi tokko Barruulee Qeerroon magaalota Oromiyaa bakkoota bebbeekamootti maxxanse..Amajjii 21,2012pdf

Qabsoon itti fufa! Gaburmmaan ni kufa!!

 

1 thought on “Barruu fi asxaaleen Qeerroo Bilisummaa magaalota Oromiyaa adda aaddaa keessatti maxxanfaman.

  1. BARRUU FI ASXAALEEN QEEROO QEERROO BILISUMMAA OROMOO magaalota oromiyaa adda addaatti maxanfamuu kan agarsiisu qabsoon qeerroo bilisummaa oromoo sadarkaa eessaa kaée sadarkaa eessa irra akka gahaa jiruu fi mootummaan wayanee BULGUUN kun toánnaa isaa jalaa bahee kufaatii wayanee yeroo gabaaba keessatti buqisuuf akka cimaa jiru nama hubachiisa ega haa jabannu iddoo jirutti jenna .
    ega waan seenaa keesatti hin irraanfatamne bara 2002 qeerroon akkasuma kaée keessumaa wayanee rifachiisee ture kan nama ajaíibu qeerroon mana hidhaatti abbootii isaa wajjin yeroo hidhamuu gamadoo fi haamilee guddaan ture irra darbee jaalala ABO irra qabu ibsuun qaama isaa irratti iddoo adda addaatti bareefate ture(isa engiliffaan TAATTOO jedhamu)
    dhuma irratti kan jechuu barbaadu oromoon mara yaada tokkoo fi kaayyoo tokkoof -bilissummaa oromoof ABO kalachaa isaa godhatee gara fuulduraatti adeemuu qabna
    nagaatti
    GOOLEE
    BIYYA AMBAA IRRAA

Leave a comment