Gabaasa Qeerroo Haromaya Amajjii 19,2012
Gaaffiin Barattootaa fi Hojjetoota Yuunivarsiitii Haramaayaatti itti fufee yeroo ammaa kana Pirezedaantii Yuunivarsiitii Haramaayaa Professor Balaay Kaasaa taa’umsa jedhamuun haara galfii isa dhorkee jiraachuun qeerroon University Haromaya irraa gabaasa.
Gaaffiileen kunis hojjettootni mootummaa fi dafqaan bulaan yuunivarsiitii kanaa ifaan gaazexeessitoota waamuun gaaffiilee hanqinoota bulchinsaa fi dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa turee fi gahaa jiru gaafachaa akka jiraan beekama.Gaaffiin qindoomina hojjettootaa fi barattootaan mooraa kana keessatti eelgale kun ;-
- Yuunivarsiitoota Oromiyaa keessa jiran keessatti hojjettootni dafqaan bulaa miindaan isaanii xiqqaa waan taheef hatattamaan dabala isaan barbaachisa?
- Ilmaan Oromoo University keessaa baratan baroota dheeraaf addatti dhiibbaan mootummaa waan irra gahaa jiruuf haalli kun ummata Oromoo walii gala waan dheekkamisaa jiruuf daddaffiin akka dhaabbatu.
- Universityn Oromiyaa keessa jiru akka University Maqalee jiruutti hin mishoomne,sadarkaa University hin guunne, kun maaliif tahe?
- University n Haromaya bara baraan Habashaan hogganamuun haadhabbatu
Gaaffii jedhamee ka’eef jecha,qondaaloti Wayyaanee bakkoota adda addaa irraa dhufanii hojjettoota dafqaan bulaa walitti waamuun miindaan keessan isinii dabalama gaaffii keessanis ilaallee yeroo gabaabaatti deebii itti kennina jechuun sossobaa jiru. Haaluma wal fakkaatuun yuunivarsiitiin kun Midhaan oomishamu kana eessa dhaqata? Jedhamee gaaffii ka’eef fuuldura oomishni haa dhaaabatu jedhamee murtaa’ee dallaan yuunivarsiitii kanaa bosonaan akka uwwifamutti murtaa’ee jira.Diddaan kun Oromoota bakkeewwan jajjaboo jiran irraan itti jabaatees akka jiru gabaafama.
Haalli kun gama biraan humni poolisa Feederaalaa kan ammaan duraa irratti dabalamee mooraa marsee ta’u tahee jira.
Qasoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Galatooma obboleyyan kiyya!
kan baayyee nama gammachiisu universitiin hromayya seenaa bilisummaa orommo geggeessamaa jiruttu iddoo gudaa fi seenaa guddaa galmiseera kanaafis diinota oromoo utuu hin taíin sabbnaan orommo hundi guddaagalatoomaa jechuun cinaa hiriiruun nu barbaachisa.
kanaf walii gala dhaaboonnni oromoo kan biraa xebexebuu irra adda bilisummaa oromoo isa bara dhheraaf bilisummaa orommoof falamaa jiruuf saboontotni oromoo lubbuu isaanii wareegamaniif yaadachaa qabsoo bilisummaa orommof haa jabannu.
mootummaan halagaa seenaa adunyaa jiru keessatti yoomi iyyuu biliummaaa lammi tokko kenneee hin beeku
hundden yoo buqisame
yookiin akka biyy sudanii fi eritrea qabsoon yoo mirkaneeffame malee kunis yeroon isaa dheeraa hin taú hundi keenyaa jabaannee tokko taúun wayanee buqqisuu qabna
nagatti
goolee
biyya ambaa irraa