Bilisummaan Ummata Oromoo fi Walabummaan Oromiyaa WARRAAQSA ummata Oromootin galma ni gaha!

SEENSA

Qabsoon Bilisummaa ummata Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa deebisuuf eegalame guututti galma gahuu baatus, injifannoowwan har’a ummanni Oromoo of harkaa qabu argamsiisudhaan itti-gala milkaa’ina qabsoo egeretiifis kaayyoo/akeeka hin moofofne lafa kaayeera. Akeeka lafa kaayame kana daandii eegalamterratti tiksuudhaan itti-gala QBO dhugoomsuun immoo dirqama dhaloota har’aati! Dirqama kana bahuuf immoo dhaaba haaraa hundeessun ykn immoo “isa kanatu sirrii dha” jechuun keessaa achi bahanii jijijjiirramuun/mimicciramuun fala tahuu hin danda’u!  Mooraa qabsaa’ota angafaa kan ta’e ABOtti aansee dhaabbileen siyaasaa hedduun hundaa’aniiru. Biyya bulchuuf dhaabbileen siyaasaa wal morkatan baayyachuun bu’aa ni qabaata; garuu biyya gabromfataan bultu Walaboomsuuf baayyachuun dhaabbilee siyaasaa xiyyeeffannoo ummataa waan bittinsuuf bu’aasaarra miidhamatu caala……Kora Qindeessaa WUOpdf

Leave a comment