Diddaan Babarattoota Oromoo Itti Fufee Magaalaa Naqamtee Dirree Lolaa Taate

Gabaasa Qeerroo, Naqamte, Amajjii 09,2012

Fincilli diddaa gabrummaa gootota barattoota Oromoo University Wallaggaa kessatti eegale hanga ammaa itti fufee jiraachuu qeerroon gabaasa. Amajjii 07-09 bara 2012 kanaatti sochii barattooti Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa godhaniin magaalaa Naqamtee fi University Wallaggaa keessatti hoomaa waraana Wayyaanee waliin walitti bu’anii akka jiranii fi guyyaa kaleessaa Amajjii 08,2012 dhukaasa barattoota Oromoo irratti baname irraa kan ka’e barataa Leejjisaa kan jedhamuu  mummee Afaan Oromoo waggaa 3ffaa rasaasa waraana Wayyaaneen rukutamuu irraan haalaan madaayee Hosptala Laqamtee galee akka jiruu fi lubbuun isaa du’aa fi jireenya jidduu jiraachuu qeerroon gabaasee ture, ammos kanumaan itti fufee barattooti  nama lama

1.Barataa seeraa waggaa 3ffaa baraataa Siraaji Jamaal  waggaa 2ffaa

2.Baraata Kamaal kan jedhamuu engineering waggaa 2ffaa

Kanneen jedhaman nyaataan adabamanii akka nyaata hin arganne gochuun gootummaan akka saba isaaniif wareega kafalanii jiran gabaasi addeessa.

Haala kanaan ammos mootummaan Wayyaanees human waraanaa fi meeshaa waraanaa heddummeessuun University Wallaggaa guutuutti cabsee seenuun barattoota 60 ol tahan reebichaan qabee mana hidhaa geessuu fi kanneen kaan rasaasaan tumee ajjeesaa akka jiru gabaasi kun addeessa.

Kun akkasitti tahees barattoti Oromoo diddaa isaanii osoo hin dhaabiin magaalaa keessatti hojjettootaa fi ummata Oromoon makachuun diddaa isaanii dhageessisaa fi waraana Wayyaanee waliin wal qabaa akka jiran gabaasi qeerroo magaalaa Naqamtee irraa addeessa.

Guyyaa gaafa Amajjii 07,2012 gootonni barattooti Oromoo hoomaa waraana Wayyaanee dhagaan tumanii mooraa irraa arihachuun mooricha dhunfatanii akka turan kan bare mootummaan Wayyaanee halkan keessa humna Waraana komaandoo fi meeshaa waraanaa gurguddaa dabalatee mooricha dhukaasaan itti seenee University Wallaggaa weeraree akka jirus kanuma waliin gabaafama.

tiki wayyaanee ummataa fi barattoota yeroo gooltu

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

1 thought on “Diddaan Babarattoota Oromoo Itti Fufee Magaalaa Naqamtee Dirree Lolaa Taate

  1. coordination where is the rest of the universities and high schools? all should be at once to overwhelm and spar the lives of these young people. coordination is the key

Leave a comment