Gabaasa Qeerroo Magaala Finc’aa Muddee 29,2011
Godina wallaaggaa Bahaa Horoo Guduruu Onaa Abbaayi Coommaan iddoo warshaa Sukkaaraa ,Fincaa’aa Diddaan Hojjettoota Warshaa Shukkaaraa baatii Muddee 2011 keessa eelae hanga har’aatti mootummaa Wayyaanee fi lukkeelee waliin wal qabaa akka jiran beekama. Haaluma kanaan mootummaan wayyaanee Oromoota hojjettoota warshaa shukkaara Finca’aa hedduu hojii irraa arihuu fi hidhaatti geessuu gabbaasa torbaan darbee irratti bafaafnee turre.
Ammos bifuma wal fakkaatuun Muddee 26,2011 sabboonaan dargaggoo Geetuu Abarraa jedhamu humnota poolisaa federaalaan ukkaffamee essaa buuteen isaa hin beekamne.Sababaa kanaan kan ka’e ummanni jiraattonni naannoo fi hojjettoonni warshaa Shukkaaraa gaaffii isaanii cimsanii akka jiran qeerroon magaalaa Finca’aa irraa gabaasa.
Gama biraan immoo Godina Lixaa shawaa Onotaa akka Calliyaa, fi Midaa Qanyii irraattii mootummaan garbomsaa hummnoota poolisaa humna ol dabaluun uummata goola jiraachuu fi sochiilee dargaggoonni Oromoo godhaa jiran balaaleffadha jedhee maatii barattootaa rakkisuu eegalee jira. Garuu itti milkaayuu akka hin dandeenye Qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!