Gabaasa Qeerroo Finfinnee, Muddee 21,2011
Mootummaan Wayyaanee Saamicha uummataatti kan xiyyeeffate Gibira haala seera qabeessan akka galii ta’uuf hirmaannaan poolisootaa guddaa dha maqaa jedhuun tika mootummichaa maqaan poolisii Oromiyaa jedhaman galma Addis Ketema Sub-city Woreda 7 Admninistration office and Youth Centre keessatti leenjisaa jirti.Leenjii kana irrattis Poolisiin Namoota Gibira hin kaffallu jedhan seeratti butuuf dirqama guddaa fudhachuu qaba kanneen jedhan dubbatamaa jiru.
Kana malees Galii biyya isaaf Poolisiin ofii isaas bifa waldaan gurmaa’ee gumaachuu qaba kanneen jedhan turan.Jireenya yeroo ammaa qaala’aa deeme waliin gibira duraan kutamu irratti yoo daballe nutti hin ulfaatuu ? ummanni Ethiopia keessattuu ummanni Oromoo yeroo ammaa jireenyi itti qaalawee gibira kafaluun hafnaan waan nyaatu dhabee waan jiruuf jara akkanatti hiyyoome irraa gibira maal funaanna akkamiinis seeratti dhiheessinee mana hidhatti darbina kanneen jedhan gaaffiin leejii kana irratti ka’aa oolani dha.
Warra gaaffiilee akkasi dhiheessan isin ABO dha gaaffii ABOn gaafatu gaafataa jiru kanaaf ilaalcha addaa qabdu jechuun leenjiftooti TPLF ilaalcha addaa qabaatanii jiraachuu madden poolisoota dhalootaan Oromoo tahan irraa nu gahe addeessa.
Marii fi Gaaffiin isaanii akka xumurameen isiniin dhaama!
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Galatoomaa iccitii kana nu hubachiisuu keessaniif isa hafe akka nuun geessan tokkummaa uumnee waliin haa sochoonun jedha
hayyee,galatooma ammas ittuma nuuf fufa yaada nuu geessisa.