Odeessaa addaa Obboo Guutuu Shanfee jiraataa Godina wallaaggaa Bahaa Onaa Jimmaa Raaree Magaalaa Waayyuu keessaa kan jiratan mucaan isaanii barataa univeristy Jimmaa waggaa tokkoffaa kan ture barataa Darajjee Guutuun bara 2011keessaa fincila diddaa gabrummaa Qeerroon qabsiiseen wal qabatee humnota mootummaa Wayyaaneeen qabamee mana hidhaa qaallititti hidhame jira, abbaan isaa Obboo Guutuu Shanfee mucaa isaanii badiin tokkoon malee mana hidhaa qaallittiis eelaa reebichaan dararamee hidhaa jiru gaafachuuf akka lakko. habashattii gafaa guyyaa 18/2/2004 gara magaalaa Finfinnee deemani. Mucaa isaanii barataa Darajjee hidhaatti dararamaa jiru gaafatani deebi’anii,mucaa isaanii kan koolleejjii Amboo barattuu biros waan qabaniif haal isheen itti jirtus arguuf jecha Ambotti maqanii gafa guyyaa 19/2/2004 mucayyoo arganii bira bulanii, haala gochaa mootummaan Wayyaanee barattootaa fi qotee bulaa Oromoo akkasumas haala walii gala ummata Oromoo irratti hojjechaa jirtu guddoo waan isaan arseef eelaan aarii kanaas amma maatii isaanii keessa galee mucaa isaanii hidhaatti waan galcheef fi gochaan diinaa kun waan baay’ee isaan aarseef achuma Ambootti mucaa isaanii biratti halkan sana lubbuun isaanii dabartee du’an. arii irraan kan ka’ees of ajjeesan jechuudha.
Haala kanaan reeffii isaanii gara mana isaanii maagaala Waayyuuttii deebi’ee gale. Sirni awwalcha isaanii gafa guyyaa 20//2/2004 raawwate, Ummaanniis akka malee humnaa ol ba’ee isaan awwaale. Ummanni Oromoo heddumminaan awwaala isaa irratti argamanis “Jarrii Wayyaanee kun akkuma nu qabdetti,akkuma mucaa kee qabdettii sii nyaatee,gumaa saba keenyaa ni baana” jechuun uummanni boo’ee boochisee awwalate, ekeraan isaanii Gaaddisa Waaqaa haaboqotu, maatii isaaniif rabbii jajjabinaa haa kennuu.
Gabrummaa jibbanii of wareeguun seenaaf jannata:firoota fi ijoollee saaniif garuu gumaa bilisummaa gochuu qabna!
bayee gada guddaa natti dhagamee umattinii oromoo dararamuuf ajifamuun lafaa irraa xaraguun dinaa durraa dhabii hin dhowuu haata’uu malee namni koo du’uun mattii isaa jeqamuun baayee kan garaa namaa bobessuu ta’ee natti argamee ammas seenaa fi samuu umattaa isaa keessaa yomiyyuu hin baduu duttii isaa! seenaan isaan yadattaa! gadaa koo akkasittii dabarfadhaa!