Diddaan Sabboontotaa itti Fufuu Irraan Sakattaan Magaalaan Calliayatti Hammaate.

Gabaasa Qeerroo Ona Gullisoo,Fulabaana 23,2011

Finicilli diddaa gabrummaa itti fufiinsaan Oromiyaa keessatti muldhachaa jiru hammaachuun,godina Wallagaa aanaa Gullisoo ganda Calliyaa jedhamu keessatti jiraattotii fi qondaalotiin Wayyaanee walitti bu’uu irraan jeeqamsi guddaan ka’ee hanga ammaa hin qabanaawiin akka jiru Qeerroon gabaasa.

Sochiin ummataa fi diddaan dargaggoota Oromoo aanaa Calliyaa waan sodaachisaa dhufeef jedhee mootummaan Wayyaanee sababaa alaabaan ABO magaalaa san keessatti heddummaateera jedhuun manneen ummataa akka sakatta’aman ajaja darbaruu irraan  poolisootii fi humni ergamtoota Wayyaanee manneen ummataa irra deemanii akka sakata’aa jiran beekame.

Kana malees barsiisotaa fi dargaggoota Oromoo University adda addaa irraa yeroo boqonnaaf gandatti galan,waraqaa eenyummaa OPDO waan hin qabneef naannoo san irraa akka deeman ykn yeroo gabaabaatti yoo hin fudhatiin akka goolessituutti ilaalamaniin yakka Wayyaaneen ummata irratti gootuun dorsifamuu kanneen didan hidhaatti geessaa  jirti.

Akka kanaan Fulbaana 22,2011 barsiisaa Mangistu Doftoree Lalisaa jedhamu barattoota nurratti kakaafta,dargaggoonni uccuu alaabaa qabu akka uffatan gorsite,miseensa OPDO tahuu lagatte sababaa jedhuun qabamee mana hindhaa hin beekamiinitti geeffamee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

2 thoughts on “Diddaan Sabboontotaa itti Fufuu Irraan Sakattaan Magaalaan Calliayatti Hammaate.

Leave a comment