TPLF Qawwee fi Hidhaan Dhadatus Ummanni Oromoo Diddaa Cimsuu Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Magaala Naqamtee,Fulbaana 7,2011

Diddaa gabrummaa guutuu Oromiyaa keessatti  ummanni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiruun mootummaan Wayyaanee rifaatuu qabuun waan qabee fi waan gadhiisu dhabuun,Oromoota golee Oromiyaa mara keessaa hidhaatti guuruu fi geessuun furmaata ukkaamsaa gaaffii mirgaa godhee fudhatee jira. Kanas tahu dargaggootii fi ummanni Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa naannoo irraa naannootti itti fufanii jiraachuu qeerroon bilisummaa godinoota Oromiyaa mara irraa gabaasaa jiru.

Akka kanaan Wallaga Jartee irra sabbontota Oromo maqaan isani :-

  1. Biqilaa Namomsa
  2. Indaaloo Babuu
  3. Tolasaa Ayyale
  4. Taddasa Gudataa

kannen jedhaman fulbana 1/2011 badii tokko malee qabamani mana hidhaa magaalaa Shambuu jiraachuu gabaafame

Kana malees godinuma Wallaggaa barsiisonni Oromoo kan dhaloota Onaa Limmuu Galiilaa ta’aa. Sumer education ykn barnoota yeroo gannaaf magaalaa Naqamtee osoo jiranii, badii tokko malee sababa sochii dargaggoota Oromoo qindeessitu,FDG kaasuuf ummata kakaastaniittu jedhuun Poolisoota Wayyaaneen Fulbaanaa 6/2011 mana hidhaa magaalaa Naqamte jiru seenanii jiru.

Barsiisota hidhaman keessaa hammi gabaasaan Qeerroo Naqamte irraa nu dhaqabe :-

  1. Lammii Nagaash
  2. Gammadaa Yaadataa

Sanbaatoo Mosisaa barsiisaa koolleejjii Rifti Vaallii Damee Neqemtee kan ta’ee

Kanneen jedhaman argamu.

Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni Kufa!

1 thought on “TPLF Qawwee fi Hidhaan Dhadatus Ummanni Oromoo Diddaa Cimsuu Itti Fufe.

  1. hunda dura qeerroon yeroo amma mootummaa wayanee
    sodachisaa fi rifachiisa jiru umurii bittuu halagaa kana hundeen foqqolchuuf
    raawwafamaa jiru guddaa nama gammachiisa.garuu kan wayaneen yeroo
    ammaa kana iji isaa qabeenya oromoo saamuun OPDO fuuldura buufatee
    maaliif sochii middle east fi sochii ummata adunyaa akka hin hubanne
    nama dhiba .
    waggota 10 dura seenaa dhiyyoo akka galma’ee jirutti gootota oromoo naannoo
    wallagaatti kan wareegaman lammiin oromoo yeroo fedhe iyyuu hin iraanfatu kunis turti bulti malee
    lafeen orommota dhiigni isaani ummata koof jechuun wareegaman ni yadataman isanis:fakkeenyaan
    akka goota oromoo abbaa biyyaa,cirriii,tolasaa moosisa (rasasa wayaneen naannoo warra isaatti motor cycle irratti
    kan du’e),goota oromoo ararsa kkf fi biyyaa oromiyaa iddoo adda addaatti kan dhagal’an lammiin oromoo hin iraanfatu,gumaa isaanis ni baasa.
    ammas akka saree maraatuu qabeenya oromootiin macha’uun naannoo wallaggaatti lammii keenya irratti hidhaa fi gidirraa irra geessisamu tokko illee qabsoo bilisummaa oromoo ni safisiisa malee hin dhaabachiisu.
    kanaaf hundi keenya bakka jirutti qeerroo cinaa dhaabachuun tokkummaan jabachuun nu barbaachisa

    IUO

Leave a reply to john Cancel reply