Gabaasa Qeerroo Magaala Naqamtee,Fulbaana 7,2011
Diddaa gabrummaa guutuu Oromiyaa keessatti ummanni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiruun mootummaan Wayyaanee rifaatuu qabuun waan qabee fi waan gadhiisu dhabuun,Oromoota golee Oromiyaa mara keessaa hidhaatti guuruu fi geessuun furmaata ukkaamsaa gaaffii mirgaa godhee fudhatee jira. Kanas tahu dargaggootii fi ummanni Oromoo qabsoo diddaa gabrummaa naannoo irraa naannootti itti fufanii jiraachuu qeerroon bilisummaa godinoota Oromiyaa mara irraa gabaasaa jiru.
Akka kanaan Wallaga Jartee irra sabbontota Oromo maqaan isani :-
- Biqilaa Namomsa
- Indaaloo Babuu
- Tolasaa Ayyale
- Taddasa Gudataa
kannen jedhaman fulbana 1/2011 badii tokko malee qabamani mana hidhaa magaalaa Shambuu jiraachuu gabaafame
Kana malees godinuma Wallaggaa barsiisonni Oromoo kan dhaloota Onaa Limmuu Galiilaa ta’aa. Sumer education ykn barnoota yeroo gannaaf magaalaa Naqamtee osoo jiranii, badii tokko malee sababa sochii dargaggoota Oromoo qindeessitu,FDG kaasuuf ummata kakaastaniittu jedhuun Poolisoota Wayyaaneen Fulbaanaa 6/2011 mana hidhaa magaalaa Naqamte jiru seenanii jiru.
Barsiisota hidhaman keessaa hammi gabaasaan Qeerroo Naqamte irraa nu dhaqabe :-
- Lammii Nagaash
- Gammadaa Yaadataa
Sanbaatoo Mosisaa barsiisaa koolleejjii Rifti Vaallii Damee Neqemtee kan ta’ee
Kanneen jedhaman argamu.
Qabsoon Itti Fufa! Gabrummaan ni Kufa!
hunda dura qeerroon yeroo amma mootummaa wayanee
sodachisaa fi rifachiisa jiru umurii bittuu halagaa kana hundeen foqqolchuuf
raawwafamaa jiru guddaa nama gammachiisa.garuu kan wayaneen yeroo
ammaa kana iji isaa qabeenya oromoo saamuun OPDO fuuldura buufatee
maaliif sochii middle east fi sochii ummata adunyaa akka hin hubanne
nama dhiba .
waggota 10 dura seenaa dhiyyoo akka galma’ee jirutti gootota oromoo naannoo
wallagaatti kan wareegaman lammiin oromoo yeroo fedhe iyyuu hin iraanfatu kunis turti bulti malee
lafeen orommota dhiigni isaani ummata koof jechuun wareegaman ni yadataman isanis:fakkeenyaan
akka goota oromoo abbaa biyyaa,cirriii,tolasaa moosisa (rasasa wayaneen naannoo warra isaatti motor cycle irratti
kan du’e),goota oromoo ararsa kkf fi biyyaa oromiyaa iddoo adda addaatti kan dhagal’an lammiin oromoo hin iraanfatu,gumaa isaanis ni baasa.
ammas akka saree maraatuu qabeenya oromootiin macha’uun naannoo wallaggaatti lammii keenya irratti hidhaa fi gidirraa irra geessisamu tokko illee qabsoo bilisummaa oromoo ni safisiisa malee hin dhaabachiisu.
kanaaf hundi keenya bakka jirutti qeerroo cinaa dhaabachuun tokkummaan jabachuun nu barbaachisa
IUO