Gabaasa Qeerroo, Finfinnee,Hagayya 18,2011
Addatti bara kana Ebala 14,2011 irraa eegalee mootummaan Wayyeenee barattoota Oromoo fi dargaggoota Oromoo Oromiyaa guutuu keessaa adamsee hidhaatti guuraa kaan ammoo bakka buuteen isaanii wallalamee hanga ammaa maatiin gadda keessa jiru, manneen Hidhaa godinaalee Oromiyaa hunda keessa jiran Oromoota hidhamaniin akka guutee jiru ifa gala dha.
Barattoota Oromoo University adda addaa keessaa sochii dargaggoota biyyoolessaa ( Qeerroo) jalatti wal gurmeessanii sochii gochaan turuun isaanii ni beekama,sochiin kana dura kan dhaabbate mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo yakkoota hin jirreen yakkee mooraa mana barnoota fi naannoo jireenya isaanii irraa qabuun Hidhee jira.
Kanneen haala addaan mooraa Hidhaa Ma’ikalawii fi Qaallittii keessatti hidhamaniin baatii Hagayyaa kana keessa akka isaan waan hojjetanii fi gaaffii mirgaa Qeerroon kaaste hundi dogoggora akka tahee fi gochaan kanaafis ammoo TV fi Radiotti bahaatii dhiifama mootummaa Wayyaanee akka gaafatan san booda mootummaan bilisa jedhee isin gadhiisa jechuun barattoota goyyomsaa akka jirtu qeerroon gabaasa.
Barattooti Oromoo Moraalee Ma’ikalaawwii fi Qaallittii keessa jiran 300 ol tahan kun mootummaa gaaffiin nuti gaafanne gaaffii haqaati,mirga ummata keenyaa fi biyya keenyaa gaafachuun yakka jedhamee kan ilaalamu yoo tahe dhiifama gaafachuu manna kaayyoo keenyaan wareegamuu irra filanna jechuun qondaalota tikaa Wayyaanee qaannessan. Nuti dargaggoonni Oromoo yoo hiikamnes rakkoon ummata keenyaa hamma Wayyaaneen jiru hiikkachuuf hin deemu,kanaaf manni Hidhaa keessii fi alli isaa hundi Hidhaa dha wal hin caalu jedhaniiru.
Tooftaan Habashootaa dhiifama gaafadha isin baafna jedhamu kun haaraa osoo hin taane ammaan duras bara 1980 keessa qabsaawota Oromoo kanneen akka Jaallan Abiyyuu Galataa, Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir, Zagayyee Asfaawu, Hayyaduree ABO har’aa Jaal Daawud Ibsaafaa fi kkf Mootummaan Dargii dhiifama gaafadha bahaa jedhee isaan garuu kaayyoo isaaniittii xichaanii dargii dhiifama gaafachuu irra kaayyoo bilisummaaf wareegamuu filanna jedhanii Darguu didanii akka turan beekamaa dha. Dargaggoonni (Qeerroon Bilisummaa) Oromoos yeroo ammaa kanatti gootummaa fi jabina kaayyoo bilisummaaf qaban muldhisuuf jecha Wayyaanee dhifama gaafachuun mirga Oromoo gurguruu dha jechanii of irraa deebisuun dhaloota Oromoo kan boonsu dha.
Qabsoon Itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!!