Gabaasa Qeerroo Haromaya, Hagayya 11,2011
Hagayya 10 bara 2011 galgala barattooti shamarran barattoota Oromoo University Haromaaya tahan barnoota yeroo gannaa xumuranii gara maatii isaaniittii galuuf osoo imala( bobbaa) irra jiranii keellaa Awaash jedhamee yaamamu irratti konkolaataa irraa buufamanii meeshaa isaan qaban marti erga sakatta’ameen booda qabeenyi barattoota kanaa kan akka uffataa fi kitaabota akkasumas dhaammata barattooti mooratti hafan maatii isaaniif ergan marti irraa erga samamee booda yeroo dheeraa naannoo keellaa Awaashitti turfamanii badiin tokkoon malee Qabeenya hunda irraa fuudhuun akeekachiisaa fi dorsisan gadi lakkifaman.
Shammarreen qeerroo samaman kun:-
- Barattuu Arfaasee department information Science kan barattu
- Barattuu Galaalee information Science kanneen baratan dha.
Keellaa jedhame kana irratti waraanni Wayyaane fi ergamtooti isaanii guyyaa irraa guyyaatti dargaggoota Oromoo qabuun miseensa Qeerroo Bilisummaati isin jedhanii doorsisaa fi arrabsoon dhaloota Oromoo dachii isaa irratti doorsisaa akka turan gabaasi qeerroo Haromaya ni gabaasa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!