Odeessi Qeerroo, Dambi Dolloo irraa akka ibsutti Dargaggooti Oromoo fi ummanni Oromoo naannoo Qeellam Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti walitti Waxabajjii 25,2011 irraa kaasanii hanga har’aatti FDG gaggeessaa jiraachuun gabaasi Qeerroo naannoo sanii ni ibsa. FDG kun baroota dheeraaf ummanni aanaa Gidaamii qabeenyaan duurettii taatee bunni,Warqeen,Midhaan,Beeladi,fi kkf aanaa kana irraa mootummaa gabromfataa dhufaa darbaan sadarkaa guddaatti sooraa ture,garuu ummanni naannoo kanaa hanga har’aatti jireenyi isaa gadadoo fi rakkina guddaa keessa jira,manni barnoota,tajaajilli fayyaa,ibsaan,bishaan kan qonnaaf kan gargaaru xaawoon kkf naannoo kanaaf takka iyyuu mootummaa gabroomfataa irraa kennamee hin beeku. Kana hundaan walitti qabatee ummati aanaa kanaa FDG gaggeessuun yeroo gabaabaa keessatti ergamtooti Wayyaanee OPDOn akka aanaa san gadhiisanii bahan gaafatan.
Ummanni aanaa kanaa bulchiinsa OPDO jala jiraachuu irra bulchiinsa naannoo Gumuzi beeneshaangul jala galanii jiraachuutu akka irra filatamu gaaffii isaanii fi Akeeka isaanii akka tahe fincila kana irratti ibsataa jiru.
Dabalata gabaasaa kanaa yeroo dhihootti irra deebinee dhiheessina.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
this is what has been lacking and I am proud of my people and this is the right direction and we all should be ready to stand fast or our people. God bless Orom people
this is what has been lacking and I am proud of my people and this is the right direction and we all should be ready to stand fast for our people. God bless Oromo people
fdg qabu waan ta’eef jabaa dha
australia
melbourne