Ergamaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo Barattoota Oromoo Cooma Nyaachisee Goyyomsuuf Yaalii Inni godhe Jalaa Fashale.

“Nyaati Wayyaaneen nuu dhiheessitu foon ummata Oromoo,Dhugaatiin Wayyaaneen nu obaaftu dhiiga ilmaan Oromoo nutti fakkaannan dinne” jedhu barattooti Oromoo Adaamaa

(Gabaasa Qeerroo,Adaamaa Waxabajjii 07,2011)Ergamaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo Jimaata fi sambat duraa darbe(Waxabajjii 3 fi 5 ,2011) barattoota Oromoo gaaffii mirga saba isaanii gaafachaa jiran goyyomsuuf jecha, afeerraa nyaataa fi dhugaatii galma abbaa gadaa jedhamee bakka yaamamutti qopheessee barattoota University Adaamaa yaame.

Bakka nyaata qopheesse kanattis barattooti gaaffii mirgaa akka hin gaafannef jecha  dubbii jiraa fi hin jirreen haasaa barattootaaf godhe fudhatamuu dhabnaan, furmaati gaaffii baratooti kaasani hojjettoota mooraa University keessa jiran ariinee kan biraa haaraa isinii qaxarra,nyaata keessan sadarkaa gaariitti jijjiirra,kanaaf isinis gaaffii kaastan kana dhiisa jedhee barattoota goyyomsuuf yaalii haagodhu iyyuu malee karaa barattootaa gaaffiilee ciccimoo fi falammii gurduddaan ka’ee jira.

Ergamtooti Wayyaanee mooraa galanii akka basaasan,summii isaan nyaachisaa akka jiran,warri garaaf bulan barattoota basaasuun aangoo akka argataa jiran,gochaan isaan godhan ummata Oromoo irratti hammeenya dabalaa akka dhufee fi kkf irratti falmiin ciminaan ture.

Kana malees goototi barattooti Oromoos nyaataa fi dhugaatiin isin qopheessitanii nu yaamtan kun foonii fi dhiiga Oromoo nutti fakkaata,ummati keenya osoo rakkoo jireenyaa fi gabrummaan waadamaa jiranii ofii garaacha guuttannee hin deemnu kan jedhu yaadoti ka’e.

Junaddiin kanatti kan rifate barattoota garii keessaa addatti yaamee barattoota gaaffii mirgaa jedhanii kaasan yoo nuu callisiiftan mindaa gaarii isinii laanna,maallaqa gahaa ittiin jiraattan illee isinii ramaduu dandeenya jechuun barattoota hanga xiqqaa addatti yaamee goyyomsuu yaalee sunis jalaa fashale.

Yaada goyyomsaa dhihaate kana barattooti fudhachuu  dinnaan, Haalichatti kan rifate ergamaan Wayyaanee,walgahicha bittimsee yeroo biraa walitti isin qabna jechuun deeme,hanga har’aatti  irra deebi’ee walgahii inni nu yaame waan hin jirreef jecha gabaasa silaa walitti qabnee dhiheessina jenne dhiifnee haaluma guyyaa jimaataa fi sambata duraa gabaasuuf dirqamne.

Kana malees  lukkeeleen Wayyaanee, barsiisaa afaanii kan tahe Tayyee Fufa nama jedhamu sochii dargaggoota Oromoo qindeessee kan gaaffii nurratti kaasisu sihi jechuun mana isaa irraa baasanii Polisoota feederaalaan reebicha gara malee waan reebaniif yeroo ammaa mana yaalaatti argama.

Qeerroo ,Adaamaa.

3 thoughts on “Ergamaan Wayyaanee Junaddiin Saaddoo Barattoota Oromoo Cooma Nyaachisee Goyyomsuuf Yaalii Inni godhe Jalaa Fashale.

  1. Ashamaa harka fuune yaa ilmaan oromoo!
    biyyi kiyyaa maal naaf buustee osoon taane ani biyya kiyyaaf maalan buusa kan jettanii hidhattanii kaatani fakkaattu.Eeyyeen adeemsa keessa suutuma suuta gufuufi gufaata hedduu dabartanii akka sin waan yaaddan akeekka keessan dhaqqabdan shakkiin hin jiru.Buddeena nama quubsu eelee gubbaa beeku jedhu mitiiree.Jabaadhaa jajjabaadhaa Oromoon martuu sin waliin jira.Ammaaf kan walqoode fakkaatee mul’atullee hiddi ofii hidduma ofiitii citu dhiiguun oolu,muka jigetti qottoon baay’ataaf malee,sabni kun silaa gabrummaa jalaa bahe Addunyaa kanaafuu gahaa tahuun isaa hin oolle.

Leave a reply to Lencho Diriba Iamesa Cancel reply