
(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, 03 Waxabajjii 2011) Ebala 14,2011 sochiin dargaggoota biyyoolessaa Oromiya keessatti erga warraaqsa qabsiisee,barattooti Oromoo keessaafuu Universitylee adda addaa baratan mirga ummata isaaniif jecha gaaffii mirgaa gaafachuu irraa hin dhaabbanne. Ummata Oromoo fi saboota Ethiopia haalaan gabrummaa akkaanii keessa galanii jiraniif sagalee tahuun gaaffiin dargaggooti (Qeerroon) gaafataniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kennamaa jiru, reebicha,Hidhaa,ajjeechaa,rasaasaan waxaluu fi biyyaa arihuun isa hangafa.
University Miizaan Teeppiitti barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafattan jechuun 1400 rasaasaan waadamanii yeroo har’aa kana gariin hosptala gariin ammoo bakka isaan itti waldhanamaa jiran hin beekamu,sana irra darbee University lee Haromaayaa,Jimmaa,Arbaminci,Adaamaa,Hawaasaa,Wallaggaa,Ambo,Finfinnee fi kanneen kaan keessaa barattoota reebuun kaaniin dorsisaan arihanii heddumminaan kanneen qaroo fi booru abdii biyyaa jedhaman mana hidhatti geeffamanii har’a bakka jiran hin beekaman,
Dhihoo University Adaamaa itti fufa Miizaan Teeppiif gaaffii mirgaa Qeerroon gaafataniif deebiin summii nyaachisuuf heddumminni hosptala akka galanii fi kaanis sababa kanaan akka qaamaa hirdhatan tahee jira. Kanumaan wal qabatee University Arbaminc keessatti Waxabajjii 01,2011 barattooti Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif humni waraana Federaalaa mooraa seene heddumminaan miidhaa qamaa jabaa irraan gahe,doormii ciisan keessatti dhukaasa aaraa kan nama ukkaamsu itti dhukaasuun barattooti bakka ukkamananii kufanii guuruun konkolaataa 4 fi xiqqaa tokkotti yaabisisuun hanga har’aa bakka buusan hin beekamu.
Barattooti Arbaminci hangamuu namni irraa hidhamu gaaffii mirgaa isaanii hin dhabne,ammos gaafuma Waxabajjii 01,2011 qondaaloti Wayyaanee fi ergamtooti isaanii nyaata duraan bultii sadiif irraa dhaabanii turan deebisanii dhiheessuun barattoota hirbaataaf argaman dhangaa summaayyee nyaachisan,Qeerroon biyyaa namni 455 battala summayanii kufan, kanneen haalaan miidhamanii hosptala olaanaa barbaadanis nama 75 tahan.
Barattooti summii kana irraa hafan kaan itti fufuun gaaffii mirgaa fi sababa summii nyaachifamaniif yeroo gaafachuuf wal gurmeessan reebichi Hidhaa fi dorsisi itti hammaate, Kanneen Waxabajii gaafa duraa heddumminaan fuudhanii deemaniin ala guyyaa har’aa Waxabajjii 03,2011 barattoota dargaggoo qindeessitu jedhanii reebichaan fuudhanii deeman keessaa,
1, Barataa Morkaa 3rd yer barataa Hydrologist
2, Barataa Abaabu Dibabaa 3rd yer physics
3,Barataa Milyoon 3rd yer Management
Warri baratan keessatti argamu. Barattooti Oromoo Ebala 14,2011 irraa kaasee hanga har’aatti kanneen Arbaminci irraa hidhaman bakka isaan geeffamanii fi jiran namni beeku hin jiru.
Kanuma waliin wal qabatee University Arbaminc irraa ammaan dura baratee kan xumure,ergamaan TPLF akka sochii dargaggootaa basaasee gabaasuf mooraa keessatti ramadamee gochaan fi sochiilee barattootaa Wayyaanotaaf gabaasaa kan jiru nama Gosaa Tulluu jedhamu dha. Ergamticha TPLF kana yeroo adda addaatti “nu dhiisi,lammiin lammii hin nyaatu,haraamuu hin tahini” jedhanii qeerroon gaafannaan hanga ammaa barattoota qabsiisuu fi dorsisuu irraa hin dhaabbatiin jira.
Gabaasa Qeerroo Arbaminci