(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, 01 Waxabajjii 2011) Barattoota Yunivarsitii Arbaa Minci nyaata summaa’een miidhaman amma illee tajaajila malchiisu dhabanii rakkachaa wayita jiranitti, kanneen dhimma summaa’ina nyaataa san irratti gaaffii kaasan immoo daranuu akka hiraarfamaa jiran beekame.
Akka Odeessa Qeerroo Arbaa Minci irraa argametti, barattooti wayita gaaffii gaafatanitti aara nama boochisu itti dhukaasuun barattoota hedduu miidhanii jiru.
Yeroo ammaa kanattis barattooti afur hedduu kan miidhaman yoo ta’u, kanneenis tajaajila wal’aansaa hin argatiin jiran.
Qeerroon dhimma kanairratti kanneen haasofsiise akka ibsanitti, haallii mooraa keessa jiru hedduu yaaddessaa dha. “ Erga nyaati keenya summaa’ee eegalee waa nyaachaa hin jirru; mooraa irraa immoo bahuu hin dandeenye. Amma hedduu miidhaan nurra gahaa jira. Dhimma keenya illee nmani nuuf dhagayaa hin jiru,” jedhanii jiru.
Barattooti akka mooraa irraa hin baaneefis shira wayyaaneen xaxxe yeroo ibsan, “Wayyaaneen mooraa keessatti nayaata summaa’een nu fixaa jirti. Akka mooraa keessaa hin bane immoo humna ittiseen nu eegaa jirti. Yoo karaa arganne illee bahuu hin dandeenyu. Akka hin baaneef, ‘barattooti kunneen ergamtoota diinaa misooma keessan balleessanii dha,’ waan ittiin jetteef hawaasti naannoo ija shakkiitiin nu eegaa jira,” jedhee jira.
Wayyaaneen akka barattooti mooraa keessaa gad hin bane ittisaa kan jirtu yoo ta’u, kanneen karaa bahan argatanis akka karaa hin darbineef ummata naannoo irratti kakaaftee akka jirtu beekamee jira.
Wayyaaneen kanaan duras mooraa Yunivarsitii Miizaan Teeppii, kan Adaamaa fi kan Haromayaa haaluma walfakkaatuun kan dararaa jirtu yoo ta’u, akka odeessi gad hin baaneef immoo sarara bilbilaa fi kan intarneetii dhiphisuu, xiqqeessuu fi suutessuun dadhabsiisaa jirti.
Mooraa Yunivarsitii Arbaa Minci kana keessaa kana duras barataa sociology and Social anthropology kan tae, Seenaa Mararaa humnoota tikaa wayyaaneen ukkaamsamee achi buuteen isaa haga yoonaatti akka hin beekamne ifaa dha.
Duraandursee Haagahuu Naga koo Ilmaan Oromoo Huddarra Bakka Jirtan Maratti
Kanatti Aassun
Oromoo Jabaadhaa DHUGAAN Niqallatti malee Hin cittuu Oromiyaan Bilisoomuu hun hin haftuu Oromoo Ka.aa walkakaasaa kan Bosonaa Jabaadhu Barattonnis Jabaadhu Warri Alaa alaa Gara biyyaa warri biyyaa halagaarin wal simadhaa yeroon waliigalan boruumitii harraa boodamitis ammaa
Jabaadhaa Harka walqabadhaa
Tokkummaa dhan Ka.aa