Mootummaan Wayyaanee Nyaata Summaa’een Barattoota Yunivarsitii Arbaa Minci Fixaa jirti!

(Oduu Qeerroo, Arbaa Minci, Caamsaa 31, 2011) Oduun amma Yunvarsitii Arbaa Minci irraa nu dhaqqabe akka hubachiisutti nyaata summaa’een barattooti 455 miidhamanii jiru.

Barattooti meeqa akka dhukkubsatan beekuuf yaaliin godhame sababa toorri walqunnamtii hin jirreef milkaa’uu baatus, odeessi addaan ciccitee dhufaa jiru akka hubachiisutti barattooti hedduun nayaata summaa’e erga nyaatanii booda of wallaalanii jiru.

Odeessi amma nu dhaqqabe akka hubachiisutti, gochaan diinummaa barattoota keenya irratti raawwatamaa jiru hedduu hammaachaa jira.

Akka kanaan shirri kana dura mooraa Yunvarsitii Adaama akeessatti raawwatame ammas kunoo, mooraa yuuniversitii Arbaa Minchi keessatti irra deebi’amuun nyaata summii qabu barattoota nyaachisanii jiru.

Haala kana irratti barataan tokko yeroo dubbatu, “Barattoota summii kanan dhukkubsatan baayyinni isaanii naannoo 455 ol jedhama jira. Kanaaf barattootni keenya guyyaa sadiif hanga ammaatti nyaata waliin wal hin argine. Amma illee barattooti keenya iyyachaa jiru,” jedhee jira.

Haalli kun yeroo ta’utti immoo akka gabaasaan qeerroo mirkaneessetti, barattooti hedduu waan isaan irra gahe illee himachuuf dadhabanii jiru.

Barattuun tokkos akka ibsitetti, “Amma barattoota hedduu keessaa kanan biratti argamu,barataan maqaa isaa nageenya isaatiif akka hin himamne barabaaduu dha. Inni yeroo na dubbisetti dubbachuu iyyuu dadhabee jira. kan nama gaddisiisu mucaa ani haasofsiselle natti haasa’uu dadhabe jennan dhiise; bayee miidhamanii jiru,”.

Gama kaaniin immoo mooraa san keessatti warra dhimmi kun akka qulqullaa’uuf gaafatan kanneen basaasan ramadamanii jiru. Odeessi amma karaa fulaa Facebook Qeerroo gahe immoo akkana jedha.

“Yeroo ammaa mooraan Yunivarsitii Arbaa Minci hedduu jeeqamaa jira. Wayyaaneen summii nu nyaachiftee, yeroo maliif akkas ta’a jennee gaafannu immoo karaa barattoota Poolisii mooraa jettee ramadatte,kan wayyanen filate keewwaatteen nu basaasaa jirti. barattoota oromoo dhimma kanaf dubbatan akka qabaman, gochuun barattoti akak wal hin amanne gochaa jirti.”

Barattootis haala kana beekanii akka wal gargaaran kanneen dhaaman kun itti dabaluunis, “amma hedduu yaaddessaa fakkaata. Ammoo kun warra ummata miidhaniif malee warra haqni jalaa dabsammeef humaa miti; kan dhugaa dhabe dhugaa argachuun hin oolu. Barattotis kana beekanii hiriyyootta isaanii dabarsabnii kennuu irraa akka dhaabbbatan gaafanna!” jedhnii jiru.

Amma gama kaaniin Wayyaaneen ummata Kibbaa waliin akka barattooti wal dhabdu illee shira xaxaa waan jirtuuf barattooti haala kana beekanii of eeggannoo akka godhan dhaamsi darbee jira. “Wayyaanen uummataa kibbaa barattootatti kaasuuf shireessaa jirti. Mootummaan kun karaa maraan barattoota keenya miidhaa jirti;amma filannoon qabnu lubbuu keenyaan baqachuu dha. Barattooti hedduus baayee of sodatanii jiru.”

1 thought on “Mootummaan Wayyaanee Nyaata Summaa’een Barattoota Yunivarsitii Arbaa Minci Fixaa jirti!

  1. AJAA’IBA!! Oduun qeeroon waayee ARBA MINCH
    UNIVERSITY IRRAA DABARSE kan baay’ee soba
    ta’ee fi kan waa’ee sanaan wal hin qabaneedha.
    lolli barattota ARBA minch UNIVERSITY guyyoOta 3F walitti aansee itti fufee.waan baayyeetu ta’es, waan baay’eetu raawwateS.
    ADARAA IRRAA DEEBI’AA HUBADHAA.
    ODUU ODEEFANOO HIN QABNEE HIN DABARSINAA
    YEROO HUNDA.BARATTOOTNI MEESHAA WARANAATIIN RUKUTAMAN HIN JIRANII?
    mee oduudhuma dhugaa ta’ee ummataaf dabarsaa odeefannoo gahaadhaan.
    waan dabarsitan ifa godhaa dabarsaa.

Leave a reply to GENENE TD. hunde Cancel reply