Kaayyoon Qeerroo Oromiyaa Roorroofi Hiraarsaa Ummata Oromoo Irraa Kaasuu Dha!

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 29 Caamsaa 2011) Qeerroon Bilisummaa torbee kana keessa akka ibsetti fincillii fi diddaan sirna abbaa irree Mallas Zeenaawwii irratti eegalame jabaatee itti fufa; mootummaan Mallas Zeenaawwiis diiddaa dargaggootaa kana karaa mara ukkaamsuuf tattaaffii godhu itti fufee jira.

Haala diddaa Qeerroo kana ilaalchisee Televizyiniin Oromiyaa magaalaa Torontoo  gaaffii fi deebii Qeerroon Oromiyaa waliin godhee  karaa Youtube isaa tamsaase irraa akka hubatamutti, kaayyoon Qeerroo Oromiyaa roorroo fi cunqursaa ummata Oromoo irra gahaa jiru  gamtaan falmachuu dha.

Gaaffiifi deeebii karaa sarara bilbilaa godhame kanaan akka ibsametti  Qeerroon akka hundeeffamtu sababa kan ta’e,  miidhaa fi saamicha ummta Oromoo irra gahaa jiruu dha.

Qeerroon Oromiyaa  itti dabalees , “akkuma kaleessa abbootiin keenya seenaa boonsaa hojjatanii nu dhaloota haaraan gahanitti, nuti dhalooti haaraa, Qeerroon,  seenaa haaraa hojjannee Oromiyaa haaraa mirgi dhala namaa keessatti kabajamu mul’isuuf kutannee falmachaa jirra; haala kanas hawaasti keenya beekee  gama danda’e hundaan diddaa isaa sirna abbaa irree Mallas Zeenaawwii irratti akka finniisu dhaammanna!” jedhee jira.

1 thought on “Kaayyoon Qeerroo Oromiyaa Roorroofi Hiraarsaa Ummata Oromoo Irraa Kaasuu Dha!

Leave a comment