1fa- Bulchiisni Adda Bilisummaa Ummata Tigray ykn Adda Dimokirasii Warraaqsa Ummatoota Itophiyaa ofiin jedhu: Mootummaa gosummaa irratti of ijaare, kan caasaa jaarmayaa Stalinistummaan masakamu, kan bu‟ura siyaas-hawaasummaa fakkaattii tarkaanfachiisu waan taheef;
Sirni Federalummaa gartuun kun ittiin of fakkeessus sirna shiraan guutame, tokkummaa ummataa addaan diigee, qoqqoodee ittiin bituuf saganteessate waan taheef; Mootummaan kun sabootaa fi sab-lammoota kanneen akka Oromoo, Ogaaden, Sidaamaa fi Ummatoota Kibba biyyattii akka diina innikkaatti ilaalee itti duulaa hanga har‟aa waan gaheef;
Kanaaf, mootummichi dhugaa ummata biyyattii keessaa ukkaamsuuf jecha duula humna waraanaa waggaa 20f Oromia, Ogaden fi naannoo adda addaatti itti jiru, tarkaanfii waraanumaa fi lolaa, biyyattii keessaa saboota bittaa cunqursaa jalatti barootaaf kufanii jiran irraan geessisaa jiru akka irraa dhaabu jedhna.
2fa- Mallas Zenawi baroota bulchiinsa isaa, waggaa 20 guutuu, miidhaa fi cunqursaa hamtuu ummatoota biyyattii irraan geessiseen aangoo isaa jabeessataa waan deemaa jiruuf;
Bulchiisni Mallas Zenawi kunis dhiitama mirga namoomaa hammaate, kan ummata nagaa haala lammii biyyaa irra gahuu hin malleen dararkeessuu (harassment), lafa irraa buqqisuu, dararuu, guuranii hidhuu fi ajjechaa raawwataa waan yoona gahee jiruuf; Ummatni nagaan kumaatamaan manneen hidhaatti guuraman, badii takka malee manneen hidhaa keessatti hanga har‟aa dhiphachaa waan jiraniif;
Kanaaf: Hidhamtootni siyaasaa hundi haal-duree tokko malee daddaffiin akka hiikaman; Manni hidhaa Qorannaa Giddu-Galeessaa ykn ‘Maikelawi’ jedhamu kan lubbuun dhala namaa keessatti gatii dhabsiisame, kan dhala namaa keessatti dararuu, reebichaan qaamaa hir’isuu, akka beeyiladaatti keessatti gorrawuuf itti yaadamee ijaarame, akkasittis hanga har’aa lubbuu lammii biyyaa kumaatamaan keessatti galaafatamee fi galaafatamaas jiru haa cufamuu, giddu-galeessi diina lubbuu dhala namaa tahe kun daddaffiin haa diigamu jedhna.
3fa. Abbootiin taayitaa mootummaa Mallas Zenawii yeroo itti saamicha dinagdee gaggeessaniin soorumaa fi badhaadhina ofii akka guddina dinagdee biyyattiitti himataa jiran, ummatni Itoophiyaa keessaa garuu oolee buluuf iyyuu jireenya guyya guyyaa of dadhabaa waan jiruuf;
Imaammata dinagdee dogoggoraa fi gowwoomsaa mootummichi gaggeessuun gatiin gabaa akka malee dabalaa, jireenyi ummata biyyattiitti hadhaawuutti dabalee mo‟achuun dadhabamaa waan jiruuf; Dhukkubni, beelli, hongee fi wallaalummaan mallattoo jireenya hawaasa waliigalaa Itoophiyaa keessaa tahee beekamaa waan jiruuf;
Kanaaf, Dhiheessiin mi’oota jireenya ummatichaa guyya guyyaaf barbaachisoo tattahan, kanneen akka sukkaaraa, mi’eessaa fi daabboo jarjartiidhaan ummataaf akka dhihaatan; Imaammatni dinagdee deega hamtuu ummata irraan geessisaa jiruu fi gatiin bittaa fi gurgurtaa gabaa to’annoo ala bifa saamichaan gaggeessamaa jiru akka daddaaffiin sirratu, oolee osoo hin bulin hojii irras akka oolu jedhna.
4fa- Bittaan mootummaa Mallas waa hunda keessaa harka kan qabu, keessattuu wiirtuu dinagdee biyyattii dhuunfaatti harkatti kan galchate waan taheef; Dhaabbileen dinagdee biyyattii keessaa miseensota Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii maqaa „EFFORT‟ jedhamuun dhuunfatamuu fi haadha warraa Mallas Zenawi, Azeb Masifiniin to‟atamaa jiraachuun hiccitii ummatni biyyattii keessaa tolchee beeku waan taheef;
Kanaaf, qabeenyaan dhuunfaa maatii Mallas Zenawiin dhuunfatame akka ummataaf deebisamu, saamichi seeraan alaa maatii fi aantota isaan hanga har’aa gaggeessame, kan ifatti hin bahin dabalee haa qoratamu jedhna.
5fa – Ummatni biyyattii keessaa dhibba keessaa harki sagaltamni (90) jireenyi isaa qonnaatti hidhataa waan taheef; Dhaadannoon “Lafti kan Qotee Bulaaf Haa tahu” jedhu baroota 1960ta fi jalqaba 1970ta keessa belbelaa ture; kan bara 1974 biyya Itophiyaa keessatti ummata, siyaasa wal fakkaataa jala waliin hiriirsee, warraaqsa ummataa qabsiisuudhaan mootummaa Hayila Sillaasee aangoo irraa dhabamsiise;
Imaammata Saamicha Lafaa mootummaan Adda Bilisummaa Ummata Tigray gaggeessaa jiruun, ummatni dachee isaa dhabuun, buqqisamuu fi hoji-dhabilee taasisamuu irraa kan ka‟e, gabrummaa ammayyaa, kan aangawummaa hidhata dinagdee addunyummaan wal qabateen, har‟as naannoftuu haala fakkaattii keessa waan jiramuuf;
Kanaaf, imaammatni deegsaan kun daddaffiin akka irraa dhaabbatamu, wal tahiinsi idil-addunyaa gurgurtaa dachee ummataa xiyyeeffate akka fashaluu fi diigamu jedhna.
6fa- Biyyi Itoophiyaa jedhamtu kun waggoota 20n (digdamman) dabran karaa siyaasaa, hawaasummaa fi dinagdee deega caalaa hammaate keessa seentee waan jirtuuf; Sirni siyaasaa mootummichi laf-jalaan ittiin gaggeessamu yaad-rimee (concept) Stalinistummaa waan taheef; Qoodumsaan aangoo walabaa kan seer-baastotaa, (legislatives) seer-murtootaa (judiciaries) fi seer-alangootaa (executives) dhugaadhaan addaan bahee karaa walabummaa isaanii eeggataniin hujii irra oolaa waan hin jirreef; Qaamota seeraa, kan walaba tahanii dhugaadhaan seera biyyattii keessaa hojjii irra oolchuun ture , bifa bulchiinsa Satlinistummaadhaan, Muummichi Ministeerotaa Mallas Zenawi aangoo fi ol-aantummaa irratti qabuun gara ofiif fedhutti daddabsaa waan jiruuf; Mallas Zenawi takkaahuu filamee (elected) kan hin beekne garuu sirna Satalinistummaa uummateen kan of foosisuu (selected) waan taheef; Kanaaf, Mallas Zenawi aangoo irraa bu’ee, waajjira akka gadi lakkisu barbaadna.
7fa- Filmaata biyyoolessaa Caamsaa bara 2010 gaggeessameen osoo mormitootni siyaasaa seeraan biyyattii keessatti galmaawan sagaltamaa (90) ol tahan dorgom jiranii, Addi Bilisummaa Ummata Tigiraayi, kan durumaan humnaan aangoo dhuunfate sagalee ummataa dhibba keessaa sagaltamii Sagalii fi tuqaa jaha (99.6%) aragachuu isaa haala tasumaa amansiisaa hin tahiniin waan labsateef; Gaggeessitootni filmaatichaa miseensotuma paarti aangoo bittaa of harkaa qabuu waan tahaniif; Maallqani filmaatichaaf ooluun irra ture, meeshaan sab-qunnatmii, humni poolisii fi tikiaa dhuunfata mootummichaa tahuu irraa kan ka‟e paartiin siyaasaa durumaanuu aangoo of harkaa qabu akka deebisee mo‟atuuf waan danda‟an hundaan filmaata walaba tahuun irra ture humnaan ukkaamsaa, mo‟icha paartii mootummichaaf garuu haala mijjeessaa waan turaniif;
Filmaatni biyyattii keessatti gaggeessame jedhamu qaanfachiisaa tahuutti dabalee, addunyaa ittiin gowwoomsuuf xapha siyaasaa raawwatame tahuun ifatti waan mul‟ateef; Kanaaf, golli qaama paarlmaa biyyattii lamaan (2n) daddaffiin akka diigaman, Seera haqaa fi sirna dimokiraasii dhugaa biyyattii keessatti dhugoomsuuf mootummaan yeroo cehumsaa dhaabota sochii bilisummaa gaggeessaa jiran, jaarmota mormitoota siyaasaa adda addaa kan ammate haa utubamu jenna.
Injifatnoon Saba Cunqurfameef!
Bilisummaa fi Dimokraasiin Ni Mo’ata!!
Qunnamtiin Qeerroo:
Email : qeerroo2011@gmail.com
Facebook: Qeerroo Bilisummaa
Website: https://qeerroo.wordpress.com
Bara Harreen gabbatte.
Aayyoon saree hanqatte’.
Harraa mitii kaleessaa.
Gadaan nu mulqe misa.
Kudha saddeeti maayyiinsa.
Kudha salgaffaan seensaa.
Nu ganeem jaarraa keessaa.
Barii sanaa eegaltee.
Guyyaan torban hedate.
Jiinis woggaa lakkaawwate;
Akka diinaattu na fudhate.
Adaamii narratti tumate.
Akka waan gaariitti fudhate.
Gadaanis jaarraatti laate.
Akka waan wol mariyatee.
Dhihaa barii naan kaatee.
Qubsumaa na dhowwate.
Aduun dhiitee bariituu.
Wol qixaa faroo hin toltu.
Jaarraan kudha saddeeti hamtuu.
Akkuma waan faarfamtuu.
Na geessee utuu dhalamtu.
Aduun dhiitee bariituu.
Baguma hin dhiisin kaatuu.
Jaarraan dhibbas herregatu.
Cubbuuf tumsa haqas dhortu.
Dhugaan abbaa galuu hin ooltu.
Sabni koo balchaa beeytee.
Si hin haaluu dunuunfatee.
Aduun obboruu baatee.
Abaabuu keenyarratti iftee.
Sirna Gadaa yayyabatee.
Heera hin hiiknuun kakatee.
Hooda godhee heera muudate.
Naannoon kan buluun tumate.
Seera gooroodhaaf laatee.
Heera barreessuun dhowwamte.
Waan tokkon isinii himaa.
Hin gaafatinaa nama.
Gaaffee hayyuu beekamaa.
Himuuf hin qabuu eeyyama
Ergamaa waaqaa tilmaamuun hama.
Aduun ol baateen ganama.
Sadoo koo gonfite qarooma.
Dimokiraasii hin miine nama.
Nuu dhaabanii tu,oo cimaa.
Kan raafnaan buqqahuu dide orma.
Loon boobbahan obboroo lfaa.
Fooraatti dachahuu kurruufaa.
Ameessi aannan guutee cufa.
Jabbiin hootee namnis quufaa.
Oromoon ture qananiin rafaa.
Addaan fageessun qubsumni lafaa.
Sinbirtuudhaa oduu wolii hordofaa.
Haga xumura kudha jahaffaa.
Bulchoonni muudaman bakka cufaa.
Godhatan bulchiinsa dhuunfaa.
Kudha torbaffaa eegalli isaa.
Ifti badaa dhufuun dimimmisaa.
Aansun seenaa jibbisiisaa.
Dagaagse miidhuun ol antumma.
Sirni diinaa utuu hin seenin keessa
Waa siqofa mitii worri himatamee.
Kan sirna gadaa booji,e saamee.
Aangoo jadhee baalabbatan of yaamee.
Falmataa turee goonni bahee.
Kan dubartiin harmi ciramee
Abbaan lafaa harka laatee deemee.
Hin dhumatuu kumaan lakkaawamee.
Goobanaa qofatu guyyuu abaaramee.
Horeen isaa worruma beekamee.
Kan muudamuu digiriin waamamee.
Hin beeynuu nama addaan baafatuu.
Hundatu tolaa afaaniin dubbatuu.
Nama honnachiisaa seenaa dubbatu.
Waan qochu fakkaataa yaroo kaatu.
Nama mitii kan sabni komatuu.
Abaaramaan hunda irraa.
Kudha saddeettafaa jaarraa.
Hammeenya dhaalee wol irraa.
Kuun dhufee kaanis dabra.
Tokko nuu hin laafne garaa.
Barii sanaa jalqabee.
oromoon habashaan cabee.
Guddinaa baraa dhabe.
Deemuuf nama dhaqqabee.
Wollaalati ija qabee.
Kamiin dhiiseen kam himaa.
Alagaan waa qabuu caalmaa.
Hundaan mulqamne namooma.
Afaan keenyas luugamaa.
Dubbachuuf akka namaa.
Abisiiniyaan wol keessaa.
Eenyu dhiigaan adda baasa.
Lachuu aangoof wol arrabsaa.
Adda hin bahan kaayyoon tasa.
Lafeen nuuf qabuu jibbiinsaa
Gaafas irraa kan nu eegalee.
Milkiin dugda nutti galee .
Qannoo qananiin nu haalee.
Dabaa cubbuun nu gooltee.
Nu gubdi ibiddaan woxaltee.
Eenyunuu hin fedhu gabrummaa.
Waa fedhii hin gaafatuu nama.
Akaakuu kan cabse ganama.
Aabboo irraa fuudhee dhaalmaa.
Gadadoo gad aantummaa.
Kiyya kun yoomuu tokkumaa.
Kan koo bonaa fi gannan soomaa.
Utuun hin furreen adeem,aa.
Argaa dharra,aan deemaa.
Qabaadhee hin nyaadhuu coomaa.
Daandii guddaa dhiisee omaa.
Danqaraa hamaa cabsaa deema.
Keessaa bahuufin jedheen cinqama.
Lafa waa hin arguu tintimaa.
Birmadhaa naa dhaa malaa.
Harqooti gabrummaa elaa.
Waanjoon baadhaa sibiilaa.
Cillaaffataa dhukkubus laalaa.
Qufa,ee aadaa kulkulaa.
Aakkee tufaa dhiigaa fi mala.
Haga yoomiin hiraaraa.
Taa,ee hin arguu makaraa.
Kutataa rabbi naaf hiraa.
Waa,ila karaa dheeraa.
Kan deemetu keessa taraa.
Bassaa dhugdii habbuuqqattee.
Haatee kolfaa qasaatee.
Deesseen gadda uffattee.
Bara harreen gabbatee.
Aayyoon saree hanqattee.
Harmeen madaa gadameessi.
Dhiitee bariitu boossii .
Jechuus dadhabee obsii.
Waaq si harka jiraa qorsii
Harmee koo naa fayyisii.
Akka waan abaaramtee.
Hereen uumaan dagalfattee.
Hin dhaluu hin dhalchuu maseentee.
Hormaata hin kutuu kakattee.
Waamsifte sanyii ormaan dhalatte.
Wolaloon kun raya abaduran qophaahe waan hin xumuraminiif eeyyama isaan ala bifuma taheen gabayaa irra oolchuun dhowwaadha.