Barattootti Yunvarsitii Adaamaa 20 ol hidhaman; kan hafan immoo”Nyaata Summaa’een nu fixaa jiru; nuuf birmadhaa!” jechaa jiru.

(Oduu Qeeroo, Adaamaa, 21 Caamsaa 2011)Barattooti Yunivarsitii Adaamaa kanneen sababa nyaati summaa’e isaaniif laatame beekuuf gaaffii gaafatan humnoota tikaa fi waraana wayyaaneen reebaman; haga ammaattis barattooti 20 ol ta’an ukkaamfamanii jiru.

Jimaata har’aa, 20 Caamsaa 2011, guyyaa guutuu humni waraanaa mooraa Yunivarsitichaa weeraruun barattoota reebaa fi tumaa kan jiru yoo ta’u, barattoota addaan bittimsuufis aara nama boochisutti dhimma bahanii akka jiran Qeerroon gabaase.

Kana biraan, barattooti kunneen Kibxata darbe, 17 Caamsaa 2011, irraa eegalanii nyaata manni barumsichaa isaaniif dhiyeessu waan sodaatanii nyaata dhaabanii jiru.

Haalli dhibdee kanaa akka furmaata argatuuf barattooti guyyaa har’aa gaaffii mirgaa kan kaasan yoo ta’u,humnooti tikaa fi waraanni Wayyaanee barattoota saatii laaqanaa irratti walitti qabaman gaaffii dhiyeessan aara nama boochisuun akka addaan bittiman godhanii jiru.

Barataan yeroo san reebame tokko,Qeerroof akka ibsetti, humnooti wayyaanee gara laafina tokko malee barattoota waan tokko of harkaa hin qabne tumaafi reebaa turan.

"Sababa itti summiin sun barattootaaf kenname beekuuf har’a sa’a laaqanaa irratti, laaqana keenya dhiisnee gaaffii dhiyeessine; manni barumsaa immoo gaaffii keenyaaf deebii kennuu irraa humna waraanaa nutti waamee akka bofaatti nu tumsiise. Kun hedduu gaddisiisaa dha," jedhe barataan kun.

Barataan kun dabalee haala arge yoo ibsu, "humni waraanaa ergame gaaffii tokko malee summii nama boochisu nutti dhukaasuu eegale. Erga barattooti of-wallaalanii booda immoo barattoota 20 ol kan ta’an hidhan. Isayyuu, akka waan dhala namaa irraa hin baaneetti, moora mana barumsichaa keessa seenanii baratoota keenya reeba turan," jedhe.

"Haga ammaatti nuyi osoo hin nyaatiin, kan guyyaa kibxata uumameen nyaata sodaannee osoo hin nyaatin haga ammatti jirra," kan jedhe barataan biraa immoo,"Cunqursaan wayyaanee hamma ammaatti nurraa hin buune. Adaraa sabni keenya warri isiniif dhagahamu nurratti hin dhiisiinaa; nuun hamma nuuf danad’ame iyyaa jirra; iyya keenya nuuf dhagaha; nuuf labsaa."

"Kan isin dhibu, baratoota keenya dhukkubsatanii hospitaala deemaniin ummanni, ‘Maali maaltu uumame?’ jedhanii yeroo gaafatan, warri yaalan, ‘lakki baratoota miti; warra mana hidhaa jirutu qorri isaan dhahe,’ jedhanii nurratti qoosaa jiru,jedhee dhaammatee jira.

Torbaan kana keessa gaafa Kibxataa mana nyaata baratoota kaffee (lakkoofsa 3) jedhamuun kan beekamu keessatti sababni isaa haga ammatti kan bira hin gahamneen barattoota Adaamaa waggaa 3, 4 fi TVT kan keesssatti sooratan guyyaa sa’atii laaqanaa irratti nyaata foonii erga nyaataniin booda barattooni baay’inaan 1700 ol ta’an dhukkubsatanii hospitaala Adaama seenuun isanii kana yaadatamuu dha. Haga ammaattis gariin dhukubni isaani humna ol kan ta’e gara Finfinneetti geessamanii jiru.

OQ

2 thoughts on “Barattootti Yunvarsitii Adaamaa 20 ol hidhaman; kan hafan immoo”Nyaata Summaa’een nu fixaa jiru; nuuf birmadhaa!” jechaa jiru.

  1. Callisuun hanga yoomiitti?
    Ilmaan keenyaa,baratooni yuniversitii garagaraa impaayeera Itophiyaa keessaatti baratan,rasasaan,torchiin,summiin,hidhaan yaka tokko malee Fincila Didda Gabrummaa waan geggeessan qofaf mootumma wayyaneetiin tarkanfiin genocide irratti fudhatama jira.

    Wayyaneen ummata keenya diina inkaa godhatee lafarraa dhabamsiisuuf saganta baafatee wayiti socho’a jiru kanatti murni ummata oromoo jechuunis qotee bulaan,daldalaan,abbootiin qabeenyaa,hojjetooni waajjira dhunfaafi mootummaa callisee ilaaluun maaliif laata. Waan callisineef goolisitummaan wayyanee waan nu hin qaqqabine nutti fakkataa? Kayyoon wayyanee oromoo gutummatti lafa isarraa dhabamsiisuuf qabeenyaasaa dhaaluu bulchisa Tigire daangaa tokko malee barabaraan impayeera Itophiyaa irratti dhugomsuu dha.

    Fincilli Diddaa Gabrummaa kan galma ga’u danda’u yoo murni hawaasaa hundaa bakka jiruu maraa akka nama tokkootti nu ga’e jedhee mootummaa abbaa irree wayyaneerratti ka’e qofa. Du’a fi hidhaa sodaanee callifnus callisuu baanus wayyaneen nurra duuba akka hin deebine baruu qabna. Kanaafuu FDG bakka tokkotti ka’e akka abida saafa yeroo gabaabduu keessatti Oromiyaa mara keessatti belbeluu qaba. Yoo FDG kaaba shawaa dirmanaa kutaalee Oromiyaa maraa hin arganne wayyaneen humna xiqqoon to’anna jala oolchuu danda’a. Callisuun nu haa ga’u. Mootumma abbaa irree wayyanee kuffisuun yoo gamtaan kaane qofa.

  2. kana beekuu qabna. hamma MOOTUMMAAN gabroomfataan kun du,ee awwaalamutti jijjiiramni ummata oromoof ta’u akka hin jirre hubachuu qabnaa. kanaaf hundi keenyaa May 28/2011 irraa eegallee dhiiraaf dhalaa, guddaaf xiqqaa, osoo hinjennee mirga keenyaafi biyya keeyaaf mootummaa wayyaanee dura akka dhabannuu ammas irraa deebi’ee waamiichi akka darbun isiniin jedha.
    mormiin itti fufaa gabroomfataan ni kufa.

Leave a comment