
Fincilli Diddaa Gabrummaa Fiichee fi Godinoota Shawaa Kaabaa Keessaa jabaatee itti fufe.
(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Fichee,Caamsaa 14,2011)FDG kaasuu fi gaaffii mirga lafaa qotee bulaa samamuu gaafachuuf jettu kan jedhuun Polisooti magaalaa Fiichee fi loltooti Wayyaanee mana barnootaa Preparatory magaalaa Fiichee irraa barataa kutaa 10ffaa baratu Tashomaa Mangistuu fi barattoota hedduu mana hidhaa buusan. Hidhamuu barattoota kanaa fi kanneen biroo irraan kan ka’e jiraattoti magaalaa fi barattooti Oromoo loltoota Wayyaanee fi humnoota Polisii garaaf bulan kana dura dhaabbachuun FDG gaggeessaa jiraachuu irreen qeerroo magaalaa Fiichee irraa gabaasa.
Gaaffii mirgaa barattooti Oromoo fi jaraattonni magaalaa Fiichee kaasan irraan yeroo ammaa kanatti basaasoti TPLF mana barnootaa cufuu fi qormaati modelii kennamaa ture dhaabuun isaanii beekamee jira.
Kana malees godina Shawwaa Kaabaa 5 keessatti Oromoonni FDG itti fufuun karaa irratti mukkeen jigsuu fi karaa cufuun akkasumas walgahii lukkeeleen yaamtu didanii irraa hafuun dhibbaa gurguddaa godhaa jiru. Ergamtootii fi dabballoonni Wayyaanee kanneen jibbiinsi ummataa itti hammaate naannoo san irraa baqatanii akka deemaa jiran qeerroleen naannoo gabaasu.Mootummaan Wayyaanees mormii kana dhaamsuu fi akka hin dhagahamneef ukkaamsuuf jecha dura dhaabbannaa guddaa gochaa akka jiruu muldhata, mormiin kun yoo jiraates fincillii ummataa kun yeroo gabaabaa keessatti caalaatti qindaayee akka itti fufuuf deemu qeerroleen naannoo abdii guutuun dubbatu.
Qabsoon itti Fufa! Gabroomsan ni kufa!