(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Fichee, 13 Caamsaa 2011) Diddaan ummataa fi fincilli barattootaa Oromiyaa keessatti babal’atuu, yeroo ammaa kanatti Shawaa Kaabaa keessattis babal’achaa jiraachuun gabaasame.
Maddi Oduu Qeerroo Fichee irraa akka gabaasetti, fincilli ummataa kun godinicha keessaa aanota shan keessatti jabaatee itti fufee jira. Akka kanaan Qeerroo fii ummanni harka wal qabachuun fincila diddaa mootummaa wayyaanee kan gaafa 14/04/11 jalqabame hanga ammaatti odoo addaa hin dhaabin itti fufaa jiran.
Yeroo ammaatti Onoota 5 keessatti fincila ummataa babal’ate kanaan kan ka’e, mootummaan naannoo san to’atee ummata jeeqaa fi ugguraa ture hidhaa fi hiraarsaa ummata irratti waan hammeessaa dhufeef, ummati mirga isaa kabachiifachuuf akka fincila barattootaatti makame beekuun danda’ameera.
Wayyaaneen akkuma amala ishii, ummata nagaa gara jabeenyaan ajjeesuu, hidhuu fii waraanaan qabeenya isaanii saamsiftullee maayyii irratti ummanni walgurmeessee tarkaanfii fudhachuun akka naannoon sun harka mootummaa jalaa of baasu kan godhe ta’uun illee beekamee jira.
Ummanni karaa hunda hidhuun walgahiilee wayyaanee diduun eega mootummaa abdii kutachiisanii booda fincila kana Onoota biroottiis tarkaafachiisanii jiran akka jiran qunnamtiin Qeerroo hubachiisee jira.
Kana malees, kaneen caasaa Wayyaanee keessa hojjatan ibsa baafataniin ummata mirga isaanii falmatan dura akka hin dhaabbanne ibsanii, haga yoonaattis ijaa gurra Wayyaanee tahanii ummata isaanii hiisisuu fii ajjeessisuu keessatti qooda fudhachaa turuu isaaniitti akka gaabban illee mirkaneessanii jiru.
“Haga yoonaatti kanneen wayyaaneef basaasaa turan yeroo ammaa hujii badaa fi gantummaaa san dhiisanii tarkaanfii barattooti Oromoo mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabachiisuuf finiinsaa jiran duukaa akka jiran illee dhaamanii jiran.
Ummanni Shawaa Kaabaa keessa jiraatu xiqqaa, guddaa, dhiiraa dhalaa odoo hin jenne harka walqabatanii diina isaanii kan tahe wayyaanee irratti fincila isaanii finninsuun guyya guyyaan kan itti fufan tahuus dhaamanii jiran.
Diddaan ummataa Oromiyaa keessatti dhowuuf jiru dhaamsuuf mootummaan Wayyaanee tooftaa “dursanii kichummaatti kutuu,” jedhuun ilmaan Oromoo nagaa barnoota isaanii irraa hidhaa fi ajjeessaa akka jiru s beekamaa dha.
Let the activists take calculated wise risks and play sustainable heroes role model. Slowly but surely taking along the neutral bystander segment of the society. Who may with time and in turn may play their own role models, convince and take along the various opposing segments of the society for the purpose of acting as a united, potent and sustainable change agents to make history and bring about justice for all. Crossing regions, religions, ethnicity, nationalities and other factors of diversities are essential success factors. People have NOTHING to lose except poverty, wretchedness, slow death at the hands of a shameless medieval tyrant, displacements from homes, communities and country.
“I prefer liberty with danger than peace with slavery” ~Jean-Jack Rousseau (1712-1778) stated already early on.
diddaan fincila gabrummaan yeroo ti yerootti yoo itti fufe halagaan riffatee tatamsa’uu danda’a.
itti dabalees ummatni orommo hundi biyya keessaa fi alatti dargaggoota kana cinaa dhaabachuun dirqama lammummaa nurra eeegama
nagaatt
john
australia
melbourne irraa