YAMICHA DEGERSA FDG WALDAA BARATTOOTA OROMOO BIYYA SUDAN
Waamicha fincila diddaa gabrummaa (FDG) yeroo amma biyya keenya Oromiyaa fi bakkota addaa addaatti finiinaa jiru irratti barattoti Oromoo biyya Sudaan jirtus qooda fudhachuuf magaalaa gudditti biyya Sudan Khartoum itti gaafa Ebla 29,2011 ganama keessaa sa’a 9;00 irratti University Khartoum faculty fayyaa fula duratti akka nuuf argamtan hawasa Oromoo fi barattootaa Oromoo biyya Sudaan keessatti argamtaniif waamicha Oromummaa isìniif dhiyeessina.
Waldaa barattota Oromoo biyya Sudaan!

Jn. sochiin keesssan hedduu gammachisaa fi onnachiisaa dha.Qabsoon bu’aa bahii waan qabduuf waa hunda akka obsaa fi murannoon irra aantani xurree jaallan keenya itti kitimaa tahan hordofuun akka guuca bilisummaa qabsiiftan abdii qaba.
Jabaadhaa – haa jabaannu.
Injifannoo Ummata Oromoof!