(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 20,2011) Sochiin fi Warraaqsi jijjiirraa sirnaa gaafatu galii isaa osoo hin rukutne kan hin dhaabbatne ta’uu Qeerroon hubachiise.
“Olollii fi Karoorri Kijibaa Mootumaa Wayyaanees Warraaqasa Jijjiirraa Sirnaa Gaafatu kana Daandii isaa irraa hin Maqsu!” mata duree jedhuun ibsi bahe kun akka hubachiisetti, kaayyoon Qeerroo galii isaa akka gahuuf dargaggootni fi baratootni, murni hawaasaa hundi, sabootni fi sablammmootni hundi birmannaa gochuu qabu.
Qeerroo,
hojii gaarii gochaa jirta, jabaadhu! Qabsoon Oromoo waan salphaa miti, ammayyuu namoota dammaqsuu, jabeessuu fi qabsoo jala hiriirsuu qabna. Gumaa barattoota fi gootota keenyaa basuun keenya hin oolu; yeroon isaa haa dheeratu yu malee!!