(Qunnamtii Oduu Qeerroo, Finfinnee, Ebla 18,2011) Diddaa fi fincila ummataa biyyatti keessatti mandi’aa jiruun kan baaragde Wayyaaneen hidhamtoota siyaasaa illee gara dabarsuutti akka jirtu beekame.
Maddi qunnamtii Oduu Qeerroo akka mirkaneeffatetti, hidhamuu fi butamuu barattoota Oromoo irratti baatii kana keessa eegalameen kan walqabate, kanneen kanaan dura Oromummaa fi ilaalcha siyaasaa isaaniin hidhamanii mana hidhaa Qaallittii keessatti gidirfamaa jiran illee ukkaamsamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.
Akka kanaan, Injiner Mesfin Abebe/Rasoo Abdisaa fi Tasfaahun Camadaa/Barii Mana hidhaa Qaallitti keessaa bakka buuteen isaanii dhabamuun beekamee jira. Akka qunnamtiin oduu Qeerroo qulqulleefatetti, ilmaan Oromoo kunneen sababa hin beekamneef kutaa hidhaa keessa jiran keessaa gaafa 04/04/2011 (halkan Dilbataa Wixatatti barihu) hidhattoota wayyaaneen ija fi harki isaanii hidhamee bakka buuteen isaanii wallaalameera.
Injinarooti ilmaan Oromoo kunneen Ebla bara 2007, keessa mootummaa Kenyaatiin Nirobi irraa ukkamfamanii fi gidiraa guddaa irratti gaggeeffamaa turee booda Wayyaaneetti dabarfamanii kennaman.
Akkaataa fi Sababa itti qabaman kan seenaan of dura kan baasu ta’us, erga harka tika Keeniyaa galanii irraa kaasee hiraarii fi gidiraa hedduu fi guddaa irra gahee booda gaafa May 12, 2007 halkan keessaa sa’aa 2:00tti humnaan ukkaamfamuun harka fi iji isaanii hidhamee Wayyaaneetti dabarfamanii kennaman.
Erga wayyaaneetti dabarfamanii kennamanii yeroo waggaa tokkoo fi ji’a sadiif otoo aduu, ija firaa fi hiriyyaa hin argiin qoratnoon hamaa irratti gaggeeffame booda gara mana hidhaa qaallittiitti dabarfaman.
Erga qaallittiiti dabarfamaniis yakki dharaa tolfameefi dhadhachi fakii manni murtii wayyaaneetti deddiibihaa turanii; ragaa qabatamaa tokkoon alatti, badii isaan hin dalagnetti yakkamuun gaafa Caamsaa 31, bara 2010; Injiner Mesfen Ababaa/Raasoo irratti du’ti yeroo muramu Injiner Tasfahun Camadaa irratti ammoo hidhaa umurii guutuu dabarfame.
Ilmaan Oromoo saba fi biyya isaaniif dhama’aa turanii fi of durallee waan guddaa dalaguu dandahan, sababa ilaalcha siyaasaa isaaniif qofa ijii fi harki isaanii hidhamee murtiin dabaa irratti darbee ture xiqqaate jedhanii hardhas ilmaan Oromoo kana ijaa fi harka hidhanii mana hidhaa keessaa ukkaamsuun gabaafame!
Sabboontoti ilmaan Oromoo dhimma kana hordofaa jiran sababa dhimma kanaaf kaahan yoo jiraate tokkoffaan wayyaanooti shiraa fi yakka kijibaan murtii du’aa fi umurii guutuu irratti dabarsan raggaasifatuuf shiraa jiran yeroo jedhan kan lammaffaa ammoo imaammati wayyaanee Oromoo qaamaan qofaa hidhuun gahaa miti jedhu hojiitti hiikaa jirti jedhu. Wayyaanooti Oromoo qaamaan qofaa hidhuu otoo hin taane haamlee isaas cabsamuun barbaachisaa dha jedhanii waan amananiif ilmaan Oromoo kana qaamaan isaan hidhuun garaa isaan gahuu dadhabee haamlee ilmaan cabsuuf hiraarsaa jiran jedhu.
Kanaaf yakka mirga dhala namaa irratti dalagamaa jiru kana warri mirga dhala namaaf falman kan akka human right watch, amnesty international, red cross, Oromo Support Group fi kan biroos dhimma kana itti dhiyeenyaan hordofuun hiraarfamuu fi dhabama lubbuu ilmaan Oromoo kanaa oolchan dhiibbaa godhan sabbontoti Oromoo dhaamsa jabaa dabarsaa jiru.