(Oduu Qeerroo, Haromaayaa, Ebla 16,2011) Humni waraana Wayyaanee sagalee barattootaa ukkaamsuuf qophaa’e mooraa Ynuvarsitii Haromaayaa, Oromiyaa Bahaatti argamu, weeraree sochii barattootaa ugguraa jira.
Humni Wayyaanee tun yeroo gaaffiin barattootaa kan “Barattooti ukkaamsaman haa hiikaman!” jedhu akka deebii argatuuf eegamaa jirutti seensaa fi bahiinsa mooraa Yunivarsitichaa karaa maraan dhuufatee akka barattooti hin baanee fi hin galle godhee jira.
Keessaayyuu, Jimaata kaleessaa, Ebla 15,2011, barattooti mooraa Yuniversitii Haromaayaa kunneen barattooti kana dura mooraa san keessaa badiin tokko malee qabamanii hidhaatti darbaman akka gadi lakkisaman eegaa turanitti, sirni Oromo-nyaataa Wayyaanee torbaan kana keessa karaa qondaalota isaa himee ture, haala biraatiin mooraan yunivarsitichaa akka weeraramu gochuun isaa barattoota hedduu aarsee jira.
Jimaata kaleessaa barii halkan osoo barattooti ciisichaa hin ka’iin mooraan Yuniversitii Haromaaya waraana Wayyaanee fi poolisa Federaalaan guutee kan argame yoo ta’u, mooraan kunis kaampii waraanaa leenjifamaa jiru malee mana barnotaa hin fakkaatu.
Humni hidhatee mooraa barnootaa weerare kunis hundi qawwee nyaachifatee, barattoota Oromoo kanneen gaaffii mirgaa gaafachuuf walitti qabaman tumaa fi reebaa kan oole yoo ta’u, hawaas-qunnamtiin martis cufamee oole.
Kana malees, barattoota qaroo fi jajjaboo ta’an adamsanii hidhauun kan itti fufe yoo ta’u, barattooti akka doormii keessaa hin baane ugguramuun, “kanneen maaliif reebamna?” jedhanii gaaffii kaasuuf yaalan immoo qabamanii gara hidhaatti darbataa jiru.
Barattooti, gama isaaniitiin, sochii isaanii daran qindeeffachuun hidhaa fi hiraarsisni daangaa malee ummata irra gahu haga hin dhaabbannetti, diddaa fi fincila karaa nagaa godhanu jabeessanee akka itti fufan beeksisaa jiru.
“Akka hidhamnu otuu beeknuu qabsoo diddaa fi fincilaa keessatti qooda fudhanne,” kan jedhan barattooti kunneen “qabsoo imal-nagaa keenya haga aangoon humnaan ummata irraa fudhatame kan ummataa ta’uun mirkanaa’utti jabeessinee itti fufna” jedhanii jiru.
“Kaayyoon keenya abbootiin irree nagaan rafanii akka hin bulle gochuudha,” kan jedhan barattooti kunneen, “yeroon kun yeroo abbootiin irree gateettii sabaa yaabbatanii taa’anii miti. Qeerroonis otuu jirtuu abbootiin iree sabatti roorrisuun yeroon itti dhumatu gahee jira,” jedhaniiru.
Barattoti kunneen, itti dabaluunis, barattooti gaaffii mirgaa gafatanii hidhaman haga hiikamanitti, sochiin diddaa karaa guutuu biyyoolessaa keessatti qabsiisame akk jabaatee itti fufus dhaammatanii jiru. “Qeerroon hidhaamaa fi hiraarfamaa jiran hanga hin gadhiifamnetti, gaaffiin qeerroos haga hin deebinetti, barattooti nu biraa hidhaman hanga gadi lakkifamanitti wareega barbaachisu baasuun ummata keenyaaf qabsoofna,” jedhanii jiru. INJIFANNOO!!

”Qabsoon itti fufa, injifannoonis wareegama qaalii baasuun dhufa” Qeroon Oromiyaa diddaan isin amma eegaltan turee ykn dafee mirga Oromoo fi sabootni Impaayara tti humnaan sarbaman deebisee gonfachiisun isaa hinoolu. Diddaan isin amma qabsiiftan bal’achuu qaba, gutuu Oromiyaa dhunfachuu qaba. Barattota sadarkaa hundaa hirmaachisuu qaba. Hawasa Oromoo hundaa hirmaachisuu danda’uu qaba. Akkasumas hirmaannaan saboota biraas sadarkaa hundattuu murteessaa dha. Inni kun mooraa Univarsiiti keessaa eegalee ummatas hirmaachisuu qaba. Ummatni biyyatti keessatti har’a miidhamaa jiru harka wal qabatee tokkummaan diina waloo irratti ka’uu qaba. Kana irratti hojjachuun murteessaa dhaa. Yoo kana goone umriin gabroomfataa ni gabaabata. Daangaa motummaan abbaa irree saboota miidhamaa jiran jiddutti ijaaruu fedhuu isin murattota qerroo Oromiyaatin diigamuu qaba. Garaagarummaa xiqqos ta’e guddaa sabota cunqurfamoo jiddu jiraachuu malan booda sadarkaa isaanitin furuuf olkaayyachaa har’a tokkummaa humnaa umuudha.Hidhaa fi ajjechaan diina Oromiyaa qabatee jiruun godhamuu akkuma diddaan jabaachaa deemu heddummaachaa akka deemu hubachuudha. Haala gabromfataan hamma biyya keenya harkaa qabu itti ijaarame irraa kaane yoo ilaalle kumootaan lubbuun qabsaa’otaa akka wareegamuu malu of qopheessuudha. Isa kana sodaanee gabrummaa bara baraa haguuggachuu hinqabnu. Silaafu gaafa sagalee keenya olkaafnee gabroomfataa dura dhaabbannee lubboo keenya dantaa ummata keenyaaf dabrsinee kennine. Akka qabsaa’atti nuti boru bu’aa qabsoo har’a goonuu irraa arganna jenneti miti, nuti jireenya keenya hamma lubbuu keenyaatti Bilisummaa saba keenyaa fi Walabummaa Oromiyaa tiif dabarsine kennuu keenya malee. Isa kana dhugoomsuuf mamii fi sodaa of keessatti ajjeesuudha. Yoo kana goone ummata keenya adda bittinaayee alagaan dhufaa dabraan irratti rorrisaa jiru mirga isaa ka’e akka falmatu hiriisuu dandeenya. Gaafa kana goone Qawween diinaa kamuu Injifannoo saboota cunqurfamo hambisuu hindanda’u. Jabaadhaa, Irreen keessan haa cimu, Waaqni isin waliin haa ta’u.
Kabajaan mirgaa qabsoo tokkummaatiin argama!!!
Qeerroo Oromiya fi Obbo Gaaddisaa,
yaadni lamaan keessan kaastan baay’ee bareedaa dha! Wal qabannee, ‘tokkummaa qabsaa’ota Oromoo’ fi ‘tumsa saboota hundaa’ ijaarree, yoo diina Orom-nyaataa kana irra tti kaanee fincille, mamii tokko malee ni moona! Jabaadha, hundi keenyi wal faana kaanee haa jabaannu!