Kaabineen Bulchiinsa Harargee Dhihaa Akka Jiranitti Hidhaman!

(Oduu Qeerroo, Haromaayaa, Ebla 17, 2011) Diddaa fi fincilli barattootaa babal’achaa wayita jirutti, keessoo mootummaa Wayyaanee, keessaayyuu, OPDO keessattis jeequmsi dhaltuun beekame.
Akka qunnamtiin Qeerroo nuu gabaasetti, sababa diddaa fi fincila barattootaa waliin kan walqabate qorannoon  akka haaraatti caasaa mootummaa fi siyaasaa keessatti eegalamee jira.
Qorannoo godhamaa jiruunis gareen OPDO walsaaxilaa kan jiran yoo ta’u, yeroo ammaa kaabineen bulchiinsa Hararghee dhihaa akka jirutti to’annaa jala akka oolana beekamee jira.
Odeessi kun akka mirkaneessutti, kabineen zoonii Hararghee dhihaa akka jirutti tohannoo jala kan oolfaman  “Oromoota qabaa jennee ajaja isinitti kennine hojii irraa oolchaa hin jirtan,” ittiin jechuun  akka ta’etu himamaa jira.
 Haalli kun immoo sababa diddaa fi fincila barattootaatiin kan walqabate, keessoo mootummaattis walshakkii fi walitti gaarreffannaan heddummaataa akka jiru hubachiisa.
Oromiyaa mara keessatti warri OPDO akka qoratamaa jiran illee odeessi nu dhaqqabe hubachiisee jira. Mattuu, Jimmaa, Shaashamannee fi Amboo keessattis humnooti tikaa fi OPDO  walgahii ariifachiisaan walmuddaa akka jiran beekamee jira.
INJIFANNOO!!

1 thought on “Kaabineen Bulchiinsa Harargee Dhihaa Akka Jiranitti Hidhaman!

Leave a comment