Nuti, bartootni Oromoo fi bartootni saboota miidhaa bittaa jala jirruu, ummata Itoophiyaas tahe hawaasa addunyaatti quca warraaqsaa qabsiisuu keenya kunoo ifatti labsineerra. Seenaa wareegama bartoota Oromoo dhiheenya taasisameef bakka guddaa kennaa nutis wareegama bilisummaa baasuuf murteessanne. Bara baraan gabrummaa keessa jiraachuu irra bilisummaaf utuu falmannuu, wareegama seena-qabeessa taheef kufuu filanne.
Ummatootni Ittophiyaa keessaas yaamicha keenya dhagahanii, miidhaa, cunqursaa fi gabrummaa of irraa dhabamsiisanii, bilisummaa, walabummaa fi sirna dimokiraasii haqaa dhugoomsatanii biyya isaanii keessa kabajaan jiraachuuf goca bilisummaa bakka hundatti akka qabsisanii qalbii fi onnee guutuun akka nu waliin hiriiran guddisnee abdanna.

jajjabadha
Waa`ee gabrummaa fi miidhama saba keenyaa bara dheeraa haasofnee. Qabsoonis bifa adda addaan itti fufaa jira. Garuu dhaloonni ammaa kun gabrummatti iggitii gochuu qabna. Qabsoon dhalootatti darbuu hin qabu. Xumuramee bilisumaan dhaloota dhufuuf darbuu qaba. Yes we can!