FXG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Diddaa Gaggeessan.

FXGGuyyaa Ebla 6,2016 Har’aa Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Hiriira Mormii sirna mootummaa Wayyaanee gaggeessaniin dhaadatnoolee warraaqsaa hedduu dhageessisun mootummaa fi waraana mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa oolanii jiru, alaabaa  gabrummaa ( Ithioophiyaa) mooricha keessatti fannifames gadi buusanii ciruun,barnooti bilisummaa booda waan ta’eef uummata keenya keessa bobbaanee nagaa fi bilisummaa barbaacha qabsoo fincila xumura gabrummaa itti fufna jechuun mana barnootaa cufanii maatiiti galuu Qeerroon gabaase.

 

1 thought on “FXG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Diddaa Gaggeessan.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist

Leave a comment