Ebla 5,2016 Godina Arsii Bahaa magaala Asellaatti barattotni koollejjii barsiisotaa Ebla gaafa 2 Barumsa hin barannu barataan keenya uummanni keenya osoo dhiigni isaa lola’uu mirgi jiraachuu osoo nurraa molqamaa jiruu jechuun waraqaalee hedduu naannichatti bittimsuudhaan FXG itti fufsiisanii kan jiran Qeerroon kan gabaase yoommuu tahu Qeerroon koollejjichaa namni 17 ol maqaa qindeessitoota FXG jedhamuun waraana gaaziitiin ukkaamfamanii bakka buuteen isaani dhabamee akka jiru har’a Qeerroon gabaasee jira.
Wal harkaa fuudhiinsaan yeroo ammaa kana waraqaan oromiyaa magaalota fi godinaalee keesa faffaca’ee jiru keessattuu wallaggaa godinaalee 4nuu, bishooftuu, adaamaa, amboo fi kkf yoommu tahu godina wallagga bahaa aanaa saasiggaatti guyyoota lamaan darban kana FXG itti fufuu qaba bittimfamee uummataaf waamicha dhiyeessee jira. Akkasuma Ebla gaafa 1, 2016 alaabaan ABO godina shawaa lixaa aanaa Gindabarat keessatti fannifamee akka jiru Qeerroon gabaasee jira. FXG godinaalee garagaraattis tarkaanfiidhaan kan wal deggereen jabeeffameetu jira
Ebla5,2016,sakata’insi cimaan karaa Magaalaa Buraayyuu irraa garage Fifinnee geessuu irratti /naannoo Sansuzii /jedhamutti,waaree booda sa’aa sagal irraa eegalee taasifamaa jira, kunis ABOn meeshaa garage Fifinneetti galchaa jira man jedhamu irraa ka’uun!!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist