Ebla 2,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti diddaan baratootaa daran jabaachuurraan kan ka’e humni kora bittinneessaa guutummaa mooraa kanaa dhuunfatee jira.Baratoonnis diddaa barnootaaf qaban itti fufuuf yeroo yaalanitti mootummaan gabroonfataan Wayyaannee baratoota kana irratti seera haaraa baasuun keessumaa mooraa kana keessatti akkaataa ittiin qabxii barataa gadi bu’ee barataan mooraa kanaa hari,amuuf sagantaa haaraa baasanii baratoota doorsisaa jiraachuutu beekamee jira.
Mooraa kana keessatti diddaan kun baratoota galgalaanis waan jabaateef baratoota kanaaf sagantaan haaraan ba’eefii guyyaa keessaa barnoota isaanii dirqiidhaan akka hordofaniif fedhii isaanii malee humnaanis akka sagantaa ittiin qorumsa haaraa ba’e kennamu hordofanii fudhataniif doorsisamaa jiraachuu maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist
Gochoti akkasii kun waan haaraa ta’an utuu hinta’in kanuma eegamaniidha; barumsa irraa hari’amuu dhiisii gochotti sanyii duguggaa fii ajjechaan jumilaa yeroo raawwatama jiru kana keessatti kun maal nama aja’ibsisa;Oromoon baa’een du’eera’hidhameera’qaamin isaa hirdhateera,hojii irraa ari’atameera,qabeenyaa isaa otuu ijii isaa arguu saamameera;gochoti fashitummaa maalitu diinaan irratti hinraawwatiin jira?? Kanaaf fall I isaa haala ittiin aritiidhaan gochota Farra diinaan fi sanyii duguggaa irraa bilisa ba’u irratti halkanii fi Guyyaa hojechuu duwwadha; ajjechaa fi hidhaa, saamicha…….kkf gabaasuu duwwaan maal fidaa?? wasn’t I home tam uh qabu otuu yeroo hinfudhatan ummata qabsoof ka’e kana qindeessuun bilisummaaf socho’uu duwwadha fall I; yeroo ammaa mataan nudhkubee sammuun ummata dhiigee jira;aboo nu dhiisaakaa; uduu duwwaan nuhinfixiinaa!!!