Ebla 1,2016 Jimma
Guutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jiraBulchuinsa Gandaa magaalattii keessa sadii irratti guyyoora sadii dura Alabaan ABO harka qeerroon bocamee fannifamee ooleera.Gandoota Alaabaan keessatti fannifaman kanneen akka Ganda Bachoo Booree,Ganda Gunjoow Guduruu,Ganda Mandaraa Qochii yoo ta’an Alaabaan kunneen kan hanga har’atti buusuu sodaatan jiru ganda Bachoo Boree keessaa har’allee buusuu sodaate dhoksuuf fala dhabaa akka jiran argaaf
dhageettiin Qeerroo ifa taasisa.
Haaluma kanaan halkan edaas Magaalattii keessatti Waraqaan qeerroo bakkeewwan Qochii fi Meentiinaa akka Cina Yunibarsiitii Rift Valley keessatti waraqaan Qeerroo dhadannoo jajjaboof Alabaa ABO qabattee jirtu dhobamaa turan Dhadannoowwan Waraqaa sanarraa
#ABOn Kallacha qabsoo Oromooti
#OPDOn maxxantuu Wayyaaneeti
#ADWUIn Saamtuudha
#Gamtaaf tokkummaa keenyaan nii bilisoomna
#Abbaan biyyaa Oromoodha
Jedhaman Qeerroon magalachi keessa bittimfamaa bulani.Jaleen Waayyaanee OPDOn ABOn magaalaa qabatee jira jechuun rifaatee guddaa keessa seentee jirti.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (April) | OromianEconomist