Bitootessaa 24,2016 Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti karaa Nagaa fi Haaqaa gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa deebii argachuu qaba jechuun itti fufuun wal qabatee Bulchinsii Yuunibarsiitii Jimmaa Waraana Mooraa Yuunibarsiitii Keessa Qubsiisuun Barattoota Oromoo reebuu, ukkaamsee hidhuu fi Madeessuu irra Darbee torbee kana keessa qofaa Barattoota Oromoo 102 Olirratti beeksisaa maxxansuun , Gootota Barattoota Oromoo Waajjiraa poolisaa Mooraa Yuunibarsiitiicha keessa jirutti Waamuun Arii’uu fi Hidhuuf Qophii ta’uu itti himuun barattoota Oromoo kanaan yoo barbaadnees isin fixuun salphadha jechuun humnootni Tikaa Wayyaanee fi Ajajaan Poolisii Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Kaliid Abbaa Tamaamii fi hoogantoota Waraana Wayyaaneen Dursnamuun ibasame jira. Barattootni Oromoo kuni Mooraa Yuunibarsitii Jimmaa Main Campus irraa Barattoota Oromoo 48 fi Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Kittoo Furdisaa irraa immoo Barattoota Oromoo 54 irratti Beeksisa diinummaa Maxxansuun Yakki Shororkeessummaa qajeelfama waraana wayyaanee fi humnoota tikaa wayyaanee rawwatamuun ifa ta’ee jira. Yuubibarsiitii Jimmaa irraa barattootni Hedduunis humnoota tikaa fi waraanaan butamanii eessa buuteen isaanii kan hin beekamnee jiraachuu fi barattootni waraanaan reebamuun yakki ulfaataa ilmaan Oromoo irratti rawwatama jira. Rakkoowwaan akka Mooraa yuunibarsiitii Jimmaatti barattoota Oromoo irra qaqqabaa jiruu fi Hanga gochii duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu sababeeffachuun Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Murtii dhumaa fi Waliigalaa dabarfatanii jiru!!
Murtii gabaabaa Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa
1. Bulchiinsa waraanaa fi Shoroorkeessaa waraanaa Oromiyaa keessatti uummata keenya irratti gaggeeffamaa jiruu fi yakka duguuginsa Sanyii (genocide) mootummaan Wayyaanee uummata keenyaa fi nurratti gaggeessaa jiruu gadi jabeessuun ni balaaleffanna!!
2. Hiraarsaa fi dararaa Sammuu fi Qamaa (Psychological and physical torture) Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa ergama mootummaa abbaa irree hojii irra olchuuf jechaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti rawwachaa jiruu fi yeroo amma kana immoo barattoota Oromoo 102 irratti beeksisaa baasuun dararaa qor-qalbii gaggeessa jiru gadi jabeessuun kan balaaleffannuu fi Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaa fi humnootin tikaa fi Waraanaa yeroo kanatti Jimma irra qubatee jiruu itti gaafatamaa seenaa fi seeraa jalaa yakka isin hin baafnee dalagaa jiraachuu gadi jabeessuun hubachiisuun, gochaa diinummaa fi abbaa irruummaa mootummaa faashistii wayyaanee irra deeddeebiin ni balaaleffanna!!
3. Mootummaan wayyaanee hatattamaan ilmaan oromoo sababaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaaf ukkaamsee ariifatee gadi lakkisuu qaba, kanneen wareegamanii fi madaa’aniif gumaa kanfaluun qaamota aangawoota qajeelfama dabarsaan Hayileemriyaam Dassaleenyii , Abbayi Tsayee, Muktar Kadir, Aster Maammoo, Getachoo Radda, fi Ajajootni waraanaa fi tikaa wayyaanee Seeraatti dhiyaachuun itti gaafatamuu qabu!!
4. Waraanni Wayyaanee Oromiyaa keessa baafamuu qaba, bulchiinsii waraanaa kaafamee mootummaan wayyaanee aangoo uummata keenyaaf gadi lakkisuu qaba!!
5. Mootummaan Wayyaanee sadarkaa duraattii gaaffii mirga abbaa biyyummaaf deebii kennuu diduun Oromiyaa Bulchiinsa waraana jala galchee uummata keenya lafarra fixaa waan jiruu fi Bulchiinsii Yuunibarsiitii Jimmaas waraanaan hogganamuun barattoota Oromoo 102 Irratti Beeksisaa baasuun Shororkaa umaa Waan Jiruufi barattootni Oromoo hedduu Yuunibarsiitii Jimmaa fi Yuunibarsiitoota Oromiyaa keessa jiran hundarraa ukkaanfamaa Waan jiraniifi Hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitii keessa qubachuun dararaa humnaa olii barattoota Oromoo irraan ga’aa waan jiruuf Nuti Barattootni Oromoo Hundii yoo Mootummaan Wayyaanee Qabxiilee 1-5 kaasnee jirruu kanaaf furmaata atattamaa hin kennuu ta’ee guutummaatti Barnoota dhaabuun gara maatii keenyaatti deebii’uuf Murtii walii gala dabarfannee jirra!!
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist