Bitootessa 25,2016
Guutummaan Oromiyaa humna waraanaan buluu erga eegalte akkasuma mooraan barnootaa humna waraanaaf Shororkeessitoota Waayyaanneen buluu erga eegaltee ol ba’uuf gad ba’uun yaaddoo ta’us FXG ergasiyyuu hedduu jabaate akka jiru ragaan argaaf dhageetti qeerroo ga’adha
Tibba kanas Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti sochiin Qeerroo hirriba kan dhowwate yeroo gara yerootti barattootaa nagaa karaarraa qabee mana hiraarsaa galchaa jirachuu akkasuma barataan lamaaf isaa oliin mooraa keessa akka hin teenye dhorkaa ka jiru yoo ta’u Barataa Fayyaa kan Maqaansaa Elero’i Fiqaaduu(Abdii) ka jedhamu sababa malee qabuun ukkamsee yeroo duraaf mana hiraarsaa Jimma Alaazar geessun achiis guyyaa muraasa booda gara Meentiinaa kanuma Jimma Magaalaa keessatti argamutti erga hidhanii boodaa,Sababa Oromoo ta’eef qofa hidhamtoota biraa halkan sa’a sagaliin baasanii dararaa guddaa irraan gahaa jiru.
Kana malees mootummaan Wayyaanee beeksisa barattoota Oromoo irratti baasee ture ammas irra deebi’ee kan biro baasuu fi gootota barattoota Oromoo doorsisaa akka jiru beekamee jira.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist