Bitootessa 24,2016
Gocha dhoksanii ukkamsuuf yeroo yerootti waan wal hin qabanneef badii tokko malee barattoota Oromoo arii’uun beekamtii kan qabu,har’as dogongora tokko malee mooraa guddaa keessatti barattoota Oromoo nama 29 irritti beksisa baasaa jiraachuu akkasuma Barattoota kanneen keessaa nama 3 dhoksaan ukkaamsisuuf akka jiru icciitiin isaan biraa baate ifa taasiftti kanas itti gaafatamummaan Kaalid Abbaa Tamaam akka dalagaa jiru oduun isaan biraa baate ifa taasifti.
Gama biraan Guyyaa kalee 23/3/2016 Yuunibarsiitii Walqixxee Damee Gunuureetti FXGn adeemsifame. Mooraa Gubuureetti fincila xumura garbummaa adeemsifame kanaan barattooti hedduun miidhamuufi,barattooti hedduun ukkaamfamuus Qeerroon moorichaa gabaasee jira
Yeroo ammaa kana to’annaan addatti barattoota Oromoo irratti adeemsifamaa kan jiruufi,barattoti hedduun mooricha gadhiisaa kan jiran humni waraanaas akka waan ofii itti baratuutti itti duudaa jiraachuun beekameera
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist