Sirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole

12108101_629851160505650_6429143411055874916_nBitootessa 22,2016
Gochi murni bichuun Waayyaanee raawwachaa jirtu Uummata Oromoo arsee Finiinsee gara FXG tti kan geessaa jiru malee duuba akkaa hin deebifne hubatamaadha.Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaa reebichaa hamaa irraan ga’uun du’e jedhanii bosonatti gatuun kulkulfannaa nu keessa ka’anii ka darban shororkwessitoonni Waayyaanee.Gargaarsa uummati godheefiin bosona keessaa argamee hospitaalaa Naqamtee kan geeffame yoo ta’us,hospitaalli Naqamtee nuun ol waan ta’eef yaaluu hin dandeenyu erga jedhanii Gara finfinneetti referii ka barreessaan ta’uullee sa’atii sanatti Abbaan Barataa kanaa maallaqa of harkaa qabaachuu waan hin dandeenyeef Uummati haala ittiin Girmaa Lubbuusaa olfatan irratti osoo dubbatanii halkan Kaleessa Lubbuunsaa addunyaa kanarraa du’aan godaante.936632_629851163838983_3948624596706161126_n
Sirna awwaalcha Barataa Girmaa Darajjee kanarratti barataan Giddaa Ayyaanaa argamuun tilmamaan barattoonni 7000 olii kan tahan (baratonni sad 1 hangaa Kollejjii BLTO ttii ) barataa kan ta,ee hundii BBB jechuun kophee kararatti dhisanii ademsaa milaan sa,a 2:30 demmun barataa girmaa derejee ayanaa harkaa wayyanettii kan du,ee gaggeessan dhadannoo
#gumaa isa du’ee isa jirut baasa
#nuti hiriyyoonnikee gumaa nii baafna
#kan nu ajjeesu hin feenu
#nuti nagaa feena
#kan nagaa keenya sarbe hin dhiifnu wal irratti duuna
#barnoonni bilisummaa booda
#hanga gumaa baafnutti nuti hin barannu
#ABOn nu haa bulchu
#waayyaaneen nurraa haa galtu jechuun dhaadannoo gurguddaan gegesaniruu qabsa’an yoo du,ee qabsoon itti fufaa motumaa abba irren hin hoganamnu

1 thought on “Sirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment