Bitootessa 23,2016
Gochasaarraa akka waan gabbeetti kan haasa’uu mootummaan Waayyaannee har’allee tarkaanfolee ajjeechaaf fuguuginsa sanyii osoo nurraaa hin dhaabiin jiraa jedhu jurattoonni Najjoo Akkasuma har’a FXG adeemsifaamaa jiruun miidhama da’immanrraan ga’aa akka jiru Qeerroon Najjoo dubbata mucaa ganna 11 kan kutaa 5ffaa baratu barataa Soorummaa Ashaalee har’a mana barumsaa Abdiisaa Aagaa keessatti itti seenuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahanii jiru.Mucaan hanga ammaatti dubbachuu akka hin dandeenyeef du’afillee shakkii guddaa keessa jiraachuu gabaasaan
keenya achii gabaaseera. Haalli Soorummaarra ga’e ittuu barattoota finiinsuun guyyaa har’aa
sa’atii kanatti manneen barnootaa Abdiisaa Agaa,Qophaaina Najjoo,Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaaffaa Gaaddisa Odaa BBB hojiirra oolchuun dhaadannoowwaan
#Saamichiif duguuginsi sanyii Lammii keenyarraa haa dhabbatu
#Nuun dhimma bilisummaaf dubbanne dhahichiif Jimulli duuba nu hin deebisu
#gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannu
#gumaa nama du’ee isa jirutu baasa
#gumaan hin nyaatamu gumaa gumaatu baasa
Jedhuun guutummaa magalatti raasaa jiru FXG hanga bilisummaatti itti fufa jedhaniiru.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist