Wallagga Magaalaa Naqamtee Keessatti FXG Daran Hammaate,Mootummaan Aara Gaazaa Dhukaatu Itti Dhimma Bahuun Barattoota Miidhaa Jiru.

IMG_20160317_174932 IMG_20160321_172217Fincilli xumura garbummaa har’aa Bitootessa 22/2016 baratoota mana barumsaa qopha’inaa  Naqamteen ,mana barumsaa biiftuu Naqamtee ,Aaskiifi mana barumsaa Waachaa Mikaa’l jedhamu keessatti finiinaa jira.

Baratoonni heedduun yeroo ammaa kana humna federaalaan reebamaa jiru naannoo hoteela Faanaatti.humni federaalaas baratoota karaa nagaan gaaffii mirgaa gaaffachaa jiran irratti aarra ija immimmaanessu yeroo ammaa kana irratti darbachuun baratoonni heedduun kukkufuun of wallaalanii gara Hoospitaala Naqamteetti guuramaa jiru.

Baratoota baayyinni isaanii hin beekamnes yeroo baqatanii mana uummataatti seenan humni federaalaas manuma uummataa keessaa gad guuramanii akka malee reebamaa jiraachuu Qeerroon gabaasa

1 thought on “Wallagga Magaalaa Naqamtee Keessatti FXG Daran Hammaate,Mootummaan Aara Gaazaa Dhukaatu Itti Dhimma Bahuun Barattoota Miidhaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment