Bitootessa 19,2016/ Yeroo ammaa kanatti Ficila Xumura Gabrummaa waliin wal qabatee sabboontoti ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa beekamaa fi hin beekamiin hedduu keessatti guutuu Oromiyaa keessaa dararamaa jiru. Godina Wallaggaa magaalaa Gimbii keessattis Oromoota maatii fi hiriyyoota irraa dubbisa dhorkamanii yeroo ammaatti dararamaa jiran namoota 60 ol keessaa hammi tokko:-
- Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa
- Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa
- Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa
- Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban
- B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban
- B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban
- B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
- B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
- Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii
- Obbo Daggafaa Wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa
- Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii
- Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa GonofaaWalumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudha.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist