Dhaamsa Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

qeerroo1“Yeroo diddaa fi mormiin Oromoo gara fincilaa fi warraaqsaatti guddachaa adeemutti, waantota armaan gadii kunneen eeguu fi eeggachuun barbaachisaa dha.
1. Manneen sagadaa fi amantii, ardaalee amantii
2. Caasaalee hawaasummaa kan akka manneen barnootaa, manneen yaalaa, tajaajila buur-misoomaa,
3. Aadaa waliin jireenyaa fi walgargaarsaa
4. Qabeenya ummataa fi biyya Oromiyaa
5. Qabeenya uumamaa tiksuun barbaachisaa dha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka amanutti, ummati Oromoo lafaa fi qabeenya isaa abbootii qabeenyaan irraa fudhatame deebifachuuf mirga guutuu qaba. Caasaalee fi ijaarsota mootummaa garboonfataa ofirraa kaasuunis mirga ummataa ti.
Namoota mootummaatti hirkatanii ummata miidhan gorsuu fi karaatti deebisuun hojii keenya innikaa dha. Garuu, yoo gorsaa fi akeekkachiisa ummataaf gurra kennuu didan barumsa malchiisu kennuufiin barbaachisaa dha.
Kaayyoon keenya Bilisummaa Oromoo akka dhugoomuuf qooda keenya bahuu dha. Kaayyoo ummata Oromoo kana milkeesuuf waan kaayyoo saba keenyaa jabeessu irratti hojjachuu dha; gama kaaniin immoo waan hundee diinaa jabeessuciruu fi balleessun akka nagaa fi bilisummaan Oromoo dhugoomu hojjachuun akeeka keenya waan ta’eef jabaatee itti fufa!”

Qeerroo Bilisummaa, Bitootessa 17 bara 2016.

1 thought on “Dhaamsa Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.

  1. Any church in Oromia which doesn’t recognize and side with oromoprotest should be demolished!!! Because it’s not considered to be genuine! Also advancing human dignity!!!

Leave a comment