Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/ Bulchiinsa waraanaan Oromiyaa shororkeessa kan jiruu humna Waraanaa Uummata Oromoo irra qubsiisee jiruun duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon gabaase .Warraaqsii FXG’ yakka waraanni rawwachaa jiruun dhaabbachuu hin dandeenye, daranuu jabaatee Oromoon bulchinsa waraana duradhaabbatee falmaa bilisummaa itti fufe jira.
Dulli hidhaa jumlaa kun Godinaalee Oromiyaa hundarratti gaggeeffamaa jira, Ilmaan oromoo umriidhaan illee utuu hin daangeffamiin daa’imman ganna 8 dabalatee hanga manguddoota ganna 85 olitti kan keessatti argaman godinaalee Oromiyaa cufa keessatti waraanaan dirqisiifamanii qabamuun manneen hidhaa, sadarkaa gandaa, Aanaa,Godina fi manneen Hidhaa biyyaatti beekamoo kanneen akka Maa’ikalawwii, Qilinxoo, Qaallittii, Ziwaay, Shawaa Roobiti kanneen jedhaman keessatti haala suukaneessa ta’een ilmaan Oromoo ukkanfamanii hidhamuun manni hidha wal haqatee jiraachuun Walqabatee. magaalaa #Finfinnee Keessatti ma’ikalawwiin waan bakka itti hidhan wal hanqatee jiruuf gara Wajjiraalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundarraattii fi waajjiraalee Poolisii Magaalaa Finfinnee keessa jiru keessatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraachuun ibsamee jira.
Bakki itti Oromoo hidhan waan wal hanqatee jiruuf Ilmaan Oromoo hedduun mooraa Waraanaa Xollaayi, Mooraa Waraanaa Magaalaa jimmaa keessa jiruu fi Dhidheessatti guuramanii hidhamani jiru. Waraanni wayyaanee Magaallota oromiyaa kanneen akka Amboo, Naqemtee, Gimbii, Gullisoo, Walisoo,Adaamaa, Shashamannee, Roobee Asallaa, Ciroo, Harammayyaa, Gujii, Yaabelloo keessatti Yakka saamichaa, dirqisiisanii gudeeduu, fi Halkan ilmaan Oromoo ukkamsuun gara dabarsuu irratti bobba’uun yakki waraanaa ulfaataan Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufee jira.
Yakki ajjeechaa jumlaa(#genocide),hidhaa jumlaa fi dararaa fi shoroorkeessii waraana wayyaaneen ilmaan Oromoo irratt rawwatamaa jiru kun ilmaan Oromoo sirnicha keesatti sadarkaa waraanaa hanga hojjettoota siiviliitti jiran dachaan akka uummata isaanii cina dhaabbatanii fi sirnicha gananii keessa of baasuun lammii isaanii waliin falmatan godha jira. haaluma kanaan yeroo amma kanatti milishoota gandaa hanga poolisootaa fi kora bittinneessaa dabalatee ilmaan Oromoo caasaa waraana wayyaanee keessatti argamanitti rakkoon ulfaataan dhalachaa jira. Uummatni Oromoo mirga isaa fi bilisummaa dhugaa isaaf waan karaa nagaan falmateef akka malee ajjeefamuun, hidhamuu fi madeeffamuun sabaa fi sablamoota cunqurfamoo ollaa Oromiyaa ta’anii fi Oromiyaa keessa jiran illee kan warraaqsaatti galchee jiru ta’uun beekamadha. adeemsii kun immoo mootummaa wayyaanee kufaatii isa dhumaa fi ijibbaataan ga’ee waan qabee gadhiisuu wallaalee jira.
maqaa hidhamtoota Oromoo jamlaan aanaa ,Ganda, Godina, Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota hundaa irraa waluma hidhamanii fi wareegamanii, madeeffamanii yeroo yeroon uummata addunyaaf tamsaasaa waan jirruuf bakka tokkotti gabaasa kana waliin kaa’uun gababbina yeroof malee kuusaa galmee qeerroo irratti save goonee jiraachuu isin hubachiifna.