Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Jaarsoo Magaalaa Jaarsoo Keessatti Manneen Barnootaa Guutummaatti Cufaman,Kaabinooti Wayyaanee Irree Uummataan Adabamaa Jiru.

12067117_588254524659800_319808063_nBitootessa 17,2016, Godina Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo magaala Jaarsotti barattootni Bitootessa 16 fi 17,2016  kaleessaa fi har’a mana barumsaadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaa guutuummatti cufamee jiraatuu Qeerroon gabaasee jira.
Misensotaa fi kaabinee Wayyaanee irratti tarkaafiin fudhatamee jira. manneen jireenyaa milishootaas gubatee jira. Tarkaanfii uummtaa fi humna hin beekamneen poolisoonni Wayyaanee hedduun madeeffamanii jiru.FXG ona kanatti halkan kanas kan itti fufee jiruudha. Humni addaa magaala Najjoo irra buufatee jira jedhu jiraattootni magaala Najjoo.

Leave a comment