Bitootessa 17,2016, Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurumuu ganda Soonxaa jedhamutti har’a FXG itti fufee ooleera. Uummata , qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa mootummaa fi daldalaan jaarsaa fi jaartii utuu hin jennee gara FXGtti makamee jira. Dhaadannoo
– Oromiyaan ni bilisoomti
– Abbaan biyyaa oromoodha
– Tigree nurraa haa galtu
– Wayaaneen hattuudha
Jechuun guyyaa guutuu dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Miseensa kora bittinneessaa keessa poolisiin lama humna uummataan madeeffamee hojiin ala tahee jira. konkolaataan aanichaa fi waajjirri ganda soonxaas ibiddaan gubatee jira.
Odeeffannoo jiru maaliif nuun hin geenyee?