FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016

Erga gaafa Bitootessa 15,2016 Irraa Kaasee FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira, Godinaalee kanneen akka:-
1. Iluu Abbaa Booraa keeysatti – magaala Mattuu, Hurumuu, Baddallee, Manneen barnootaas sadarkaa 1ffaa Burusa keeysatti argamu sadarkaa 2ffaa fi qophiyaaninaa Hurumuu fi kkf tti wayyaanen humna badii ishee ergaa jirti. Uummanni fi barattootni godina Iluu Abbaa Booraa FXG akkuma eegaletti akka itti fufu jajjabina fi murannoo dabarsaa jira.
2. Godina Horro Guduruu fi Baha wallaggatti aanaalee kan akka Jaargadaa Jarte,Jimmaa Raaree, Naqamte, yuuniversitii wallagaga fi manneen barnootaa kannen akka Jaargada Jarte sadarkaa 2ffaa mana kombolchaa sadarka 2ffaa, mana barumsaa Abaabo Guduru sada.1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaatti wayyaane tarkaanfii dhumaa fudhanna jettee jirti. Barattootni fi uummanni godina wallaa bahaa fi horroo barattoota waliin hiriiruun FXG ammallee sodaa hidhaa fi ajjechaa malee itti fufee jira. Diinni tarkaanfii fudhachuun uummataaf haara miti bodatti hin deebinu akkam tahullee jechuun murteeffatee jira. Humni addaa oromiyaa keesa magaalota garagaraa qubatee jiru FXG uummata Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeenye.
3. Wallagga Yuuniversitii dame Gimbiitti argamu barumsa dhaabanii jiru. BARATAAN WALLAGGA YUUNIVERSITII MAIN KAAMPAASI IRRAA DHABAME NUUF HAA DEEBI’U BARATAAN HIDHAME HAA GADHIIFAMU HUMNI WARAANA MOORAA KEESA BUUFATEE JIRU HAA BAHU KAN DUEEF GUMAA NUTU BAASA jechuun waraqaaleen mooraa yuuniversiii dame Gimbiitti bittimfamaa jira gidduu kana. Barataanis barumsa dhaabee mooraa keessa buufatee jira. Barattootn nyaata lagachuunis beekameera.
4. Adaamaa Yuuniversitiitti diinni barattoota irratti tarkaanfii suukkanneesaa fudhataa jira barataan moraa yuuniversiti Adaama harki guddan hidhamee jira kaan maati isaatti baqatee jira kan ukkaamfame hedduudha jedha qeeyron adaamaa. Waardiyaa fi poolisiin mooraa Yuuniversitii barattootni keenya utuu ukkaamfamanii hin ilaallu jechuun hojii gadhiisaa jiru waardiyaan humna diinaa mooraa seenaa jirutti karra cufe reebichaan miidhamee jira.
Akka walii galaatti dhaabbileen barnootaa oromiyaa keessa jiru humna diinatu dhuunfatee jira addatti humna addaa wayyaanee. Manni hidha Wayyaanes wal hankakee jira
– Hidhaan hiika hin tahu
– Bilisummaan keenya dhufeera
– Uummanni Oromoo gabrummaatti hin hafu
– Wayyaaneef kana booda dhumeera
– Mootummaan wayyaanee shororkeessadha
Jechuun baratootni fi Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keessa Buraayyuu, Laga Xaafoo, Sulultaa, Sabbataatti waraqaa bittimsaa jiru.

1 thought on “FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment