Hariiroo Jorgoon
Warraaqsi/siyaasaan ni dhalata, ni guddata, nidullooma nidu’a kan jedhamu mirkaneeffachuuf, dhalachuu Qeerroo Bilisummaa Oromoofi du’a EPRDF/TPLF wayyaanee hubachuun gahaadha. Siyaasaan EPRDF har’a dulloomuu bira taree du’ee tortoreera. Ammaa booda akkaataa deebi’ee ka’uu hindandeenyetti dhumateefii jira. Amma iddee hundatti sabni hundi wayyaanee xireeffateera. Qabsoon Oromoos ta’e kan saboota biraa ammaa booda ta’ullee waa’ee awwaalcha reeffa EPRDF/TPLF isa tortoree ajaawe kanaati. Awwaalchi TPLF kun ammoo fuula sadii qaba. Isaan kana keessaa inni sadarkaa duraa akka gaariitti raawwatameera. Amma sadarkaa lamatu hafa. “Ofiifuu duuti maaf of huuti?!…” akkuma jedhamu, duraan dursa TPLF kan wadaroo morma isheetti of keesse gaafa federaalizimii diigdee master pilaanii dirqamaan gaggeessuuf yaalte ture. Kun du’a ishee yemmuu ta’u. Qabeenyaan TPLF Oromiyaa keessa kallattii kamiinuu akka hinsossoone ta’e. Yeroo har’aa sanyiin TPLF Oromiyaa keessa socho’ee dalagatuu danda’u hinjiru. Kun ofdurallee kan yaadamu miti. Kanaaf Awwaalchi TPLF inni jalqabaa as irraa eegale. Amma yeroo har’aa TPLF fi sanyiin isaanii kan dalagachuu danda’an Finfinneefi naannawa biraa keessatti qofaadha. Naannawa biraa yeroo jennu tigraayiin dabalatee jechuudha. Oromoon qabsoo hanaga ammatti gaggeesseetiin ol
Qabsawaan kufuus qabsoon itti tufti