Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Ganda Ashkoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Raabsamaa Oole.

Bitootessa 14,2015

Godina Arsii lixaa aanaa kofalee ganda Ashkoo keessatti kaleessa irraa kaasuun waraqaale dhaadannoo hedduun kan magaala keessa faca’ee jiru
– Uummanni oromoo Bilisummaa barbaada
– Ajjechaan uummata oromoo irra gahaa jiru haa dhaabbatu
– Gumaa barattoota keenyaa haa baafanu
– Mootummaan wayyaanee nun bulchin
– Qabeenyaa diinaa irratti tarkaanfii fudhachuu qabna
– Wayyaaanee aangoo irraa hanga buusnutti boodatti hin deebinu
– Oromiyaan haa bilisoomtu
– Wayyaaneen hattuudha uummanni qabeenya keessan eeggadhaa Kan jedhu warqaalen xixiqqaan bittimfamee jira. Shaashimannee
dabalatee waraqaan bittimfamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Kaabinoonni fi ergamtootni diinaa magaalota keessaa miliqaa jiru humni
wayyaanee haala kana sodaatee meeshaa gurguddaadhaan godina arsii keessa buufataa jira.

1 thought on “Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Ganda Ashkoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Raabsamaa Oole.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist

Leave a comment