Guyyaa har,aa bitootessa 09,2016 ganama kana humni kora bitinneessaa jedhamu guutummaan guutuutti Yuunversiitii Wallaggaa fi naannoo ishee weeraree jira.
Humni kora bitinneessaa jedhamu kunis halkan edaa sababii ijoolleen doormii gadi lakkisanii gara magaalaatti imaluu jalqaban baratoonni heedduun immoo mooraamatti hafuun fincila daran finiinsuun mootummaa gabroonfataa wayyaanee boqonnaa dhorkaa bulanii jiru.Baratoonni mooriicha keessa jiranis kalleessa ganama irraa ka’uunishanga har,aa kanatti hunduu nyaata lagachuun diddaa isaanii agarsiisaa jiru. Yeroo ammaa kanas sababii isin humna degersaa yookiinimmoo ABO tu naannoo kana jira jechuurraan kan ka,e humni kora bittinneessaa akkasumas makalaakiyyaa warri jedhamanis heedduminaan mooraa yuunversiitichaa keessaa fi ala isaa guutummaan guutuutti dhuunfatanii jiru.Haaluma kanaan baratootaanis guyyaa har,aa kana ganama irraa ka,uun olseenuu malee gadi ba,uun hin danda,amu jechuun baratoota nagaa dhorkaa jiraachuun maddeen keenya ifa godhu.
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 (March) | OromianEconomist